Naannoo Oromiyaa Godina Shaggar magaalaa Sandaafaa keessatti konkolaachistoota Baajaajii fi Gaarii Fardaa leenjii miliishaa dirqiin akka fudhatan taasifamaa jira . Leenjiin sun gaffe Mudde 27, 2024 kan regale yoo ta’u hanga Amajjii 9, 2025tti tura jedhameera. Leenjii miliishaa dirqii sana ganama saa’atii 12: 00 irraa hanga 3: 00 tti fudhatu. Sababa kanaan rakkoon geejjibaa uumamee jira.
































