Ajjeechaa suukanneessaa fi yakka hamaa tibba kana daa’ima waggaa 10 gadii Simboo Biraanuu irratti raawwatame ilaalchisee KFOn ibsa baaseen gochicha balaaleffateera.
Hawwaasaa fi lammileen hundumtuu nagaadhaan ba’anii nagaadhaan galuu utuu danda’anii hawwii isaa akka ta’e kan akeeke KFOn, addatti daa’imman ol adeemoon fedhiin isaanii guutamee haala gaariidhaan baratanii utuu guddatanii biyyaaf bu’a qabeessa akka ta’e hubachiise.
“Garuu, [Itoophiyaa] keessatti mootummoota Itoophiyaa darbaa fi dabarsaan aangoo qabatan biratti bulchiinsi gaariin jiraachuu waan hin dandeenyee fi yeroo amma kanas mootummaan ‘nageenya uummataa kabajee kabachisa’ jedhamu mataansaa sadarkaa itti gaafatamummaa isaa bahuu danda’u irratti waan hin argamneef, yakki suukanneessaan daa’imman akka Simboo Biraanuu irratti raawwatameera” jedha ibsi KFO kun.
Simboo Biraanuu yakki gudeeddii erga irratti raawwatamee booda, ajjeefamtee mukatti akka fannifamte maatiifi jiraattonni himaniiru.
KFOn ibsa isaa kanaan, “Yakka dachaan raawwatame kana wayita dhageenyu gaddi guddaan nutti dhagahameera” jedhee, ajjeechaan kun suukanneessaa isa sadarkaa olaanaa kan jechaan hin ibsamne ta’uu ibse.
Simboo Biraanuu Godina Shawaa Lixaa aanaa Meettaa Walqixxee magaalaa Minaareetti kan ajjeefamte uommuu ta’u, ajjeechaa kana kan raawwate eenyu akka ta’e ifatti ibsamuu baatus, bakka ajjeechaan sun itti raawwatame kan ture miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa akka ta’e jiraattonni himanii turan. Garuu uummannis nageenya isaaf waan yaadda’uuf qaama ajjeechaa kana raawwate himuu akka hin barbaanne gabaafameera.
“Namni dubbachuu sodaata malee kana achi ture Raayyaa Ittisa Biyyaati”
Yakki Simboo Biraanuu irratti raawwatame qaama dhimmi ilaallatuun hataattamaan qoratamee seeratti dhiyaachuu akka qabu KFOn gaafateera.
Bulchiinsi aanaa Meettaa Walqixxee namoonni ajjeechaa kanaan shakkaman sadii to’atamuu ibsullee, eenyummaa namoota kanaa garuu hin ibsine.


































