Balaan konkolaataa Naannoo Sidaamaa bakka Boonaa jedhamutti Mudde 29, 2024 qaqqabeen lubbuun nama 71 darbe. Konkolaataan namoota cidha deeman feetee turte riqicha laga Galaanaarraa kufuun balaa sana qaqqabsiise. Balaa sanaan namoonni 71 battalumatti yoo du’an namoonni miidhaan qaamaa irra gahe ammoo hospitaala Waliigalaa Boonaattti yaalamaa jiru.





















