Godina Jimmaa aanaa Geeraa ganda Waallaatti abbaan qabeenyaa Zaakir Obbaa jedhamu eda halkan haala suukanneessaatiin ajjeefame.
Ajjeechaa nama kanarra gahe ilaalchisuun hawwaasni Oromoo bakkichaa rifaatuu hamaa keessa seenuudhaan Hiriira mormii gaggeessaa akka oolan odeeffanneerra.
Ajjeechaan hidhattoota Amaaraa kan bosona baadiyyaa aanichaa ciruudhaan achi qubatanii jiraniin raawwatamuu akka hin oolle uummanni shakkiisaa ibsataa jira.
Uummanni hiriira ba’ee sagalee dhageessisaa oole kun ajjeechaa abbaa qabeenyaa kanarratti raawwatame balaaleffatanii, Oromoon qe’ee isaa irratti kabajaa dhabee ajjeefamuun dhaabbachuu akka qabu gaafataniiru.
Ajjeechaa kanaaf hidhattoota Amaaraa kan himatan jiraattonni hiriira ba’an kun, qaamni haala kanaan ajjeechaa raawwatu fuuldurattis balaa hamaa fiduu akka malu yaadachiisanii mootummaan furmaata waaraa akka kennuuf gaafataniiru.
Hidhattoonni kun uummata Oromoorraa adda of baasanii meeshaa hidhatanii jiran sana mootummaan akka irraa hiikuufis uummanni kun yaada dhiyeesseera.
Oromiyaa keessatti hidhattoonni Amaaraa kun dhalattoota Amaaraa kan Oromiyaa keessa bara dheeraaf jiraatan dawoo godhachuudhaan Oromoo irratti haleellaa raawwataa turaniiru.