Itoophiyaatti bara 2024 sarbiinsi mirga namoomaa “hammaataan” mudachuu Human Raayits Waach gabaase.
Taateewwan akka waraanaafi dhiibbaa dhaabbilee siviliirratti raawwatamu eeruudhaan Itoophiyaatti sarbiinsi mirga namoomaa bara 2024 keessa raawwatame “hammaataa ta’uu” Dhaabbanni Mirga Namoomaa Hiyuumaan Raayts Waach gabaaseera.
Dhaabbatichi gabaasa waggaa guutuu bara 2024 dhiyeesseen, naannolee lolli keessa jiruufi hin jirre keessatti sarbiinsa humnoota mootummaa, milishaafi hidhattootaan raawwatamu ibseera.
Lola naannoo Amaaraatiin walqabatee sarbiinsi yaaddeessaan raawwatamuu eeruun “yakki waraanaa” humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo jedhanii of waamaniin raawwatamuu gabaaseera.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinii Olaanaa Mirga Namoomaa wabeeffachuun humnoonni mootummaa “ajjeechaa jumlaa, dararaa, miidhaa saalaa raawwachuufi lammiilee nagaa miidhuu” ibseera.
Hojjattoonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii saddeet ajjeefamuu eeruun tajaajila gargaarsa namoomaa addaan kutuu ibseera.
Naaannoo Tigraayitti, loltoonni Eritraa yakkoota akka “gudeeddii, haadholiifi dubartootarra miidhaa geessisuufi qabeenya saamuu” isaanii eereera.
Dhaabbileen siiviliis dhiibbaa guddaa jala galuu isaanii kan eere gabaasni kun, Humnoonni nageenyaa Itoophiyaa hojjattoota Humaan Raayits Waach ji’a Caamsaa keessa hiraarsuu ibseera.
Mootummaan dhaabbata Giddugala Dagaagina Diimookiraasiifi Mirgaa (CARD) dabalatee dhaabbilee siivilii hedduu ji’a Sadaasaa keessa ugguruun ni yaadatama.
Adeemsi hojiirra oolmaa haqa ce’umsaa kan Ebla keessa ture sababa iftoomina hin qabneef “gahaa miti” jechuudhaan qaamolee yakka raawwatan seeratti dhiyeessuutiin walqabatee hojiin hojjatame quubsaa miti jechuudhaan aanga’oonni mootummaa yakkoota raawwataman haalaa jiru jedheera.
Oromiyaa keessatti humnoonni nageenyaa mootummaa Itoophiyaa duula ajjeechaa suukanneessaa geggeessaa jiraniin, ilmaan Oromoo irratti ajjeechaa seeraan alaa jumlaadhaan raawwataa jiru. Waraanni mootummaa Itoophiyaa dargaggoota guyyaa saafaatiin maatiifi uummata fuulduratti harka duubatti hidhuudhaan itti dhukaasanii yommuu ajjeesan taatee gaddisiisaa guyyaarraa gara guyyaatti mul’ataa jiru ta’eera.




































