Sababa ‘Somaaliyaa guddittii ijaaruu’ jedhuun Somaaleen Itoophiyaa fi Somaaleen Somaaliyaa yeroo adda addaatti Oromoo irratti duula waraanaa geggeessaa turanii ammas itti jiru.
Tibba kana Addi Bilisummaa Oromoo fi KFOn jila jaarmayaalee hawaasaa adda addaa waliin mari’achuudhaan murtii dabarsan keessatti Moyaaleefi Dirre Dhawaa dabalatee bakkoonni seeraan ala Oromiyaarraa fuudhamanii naqnnoo biraag kennaman gara Oromiyaatti deebi’uu akka qaban irratti waliigalaniiru.
Murtii kana ilaalchisee waahila qabsoo Adda Bilisummaa Oromoo bara dheeraa kan ta’e Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaaden fi dhaabonni biroo sadii murtiifi ejjennoo jila tibbanaa irratti ibsa baasanii murtii darbe balaaleffataniiru. Balaaleffachuu qofa utuu hin taane, hawwii Somaalotaa bara dheeraa kan ta’e ibsa kanaan calaqqisiisaniiru. Dhaabonni ibsa waloo baasanii ejjennoo marii sanaa balaaleffatan: Adda Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaaden (ONLF), Paartii Bilisummaa fi Walqixxummaa (FEP), Paartii Gamtaa Dimokiraasii fi Bilisummaa (UDFP), fi Paartiin Dimokraasii Somaalee Lixaa (WSDP), ejjennoo ABO fi KFOn Moyaaleefi Dirre Dhawaa irratti qaban cimsanii kan morman ta’uu ibsan.
Dhaabonni kun ibsa isaaniitiin heerri Itoophiyaa akka kabajamu kan gaafatan ta’ullee, haala faallaa heera biyyaa ta’een Dirre Dhawaa fi Moyaaleen qaama bulchiinsa mootummaa Naannoo Somaalee ta’uu kaasan. Dirre Dhawaan mootummaa Federaalaa jalatti bulaa akka jirtu utuu beekamuu, dhaabonni kun garuu akka waan Dirre Dhawaan qaama Somaalee taateetti ibsaniiru. Inumaayyu Dirre Dhawaafi Moyaaleen qaama mootummaa Naannoo Somaalee ta’uun isaanii heera biyyaatiin beekamtii akka argatetti eeruudhaan, dhaabonni kun ifatti heera biyyaa faalleessanii yaalii weeraraa geggeessaa jiru.
Bara 1991 yeroo Mootummaa Ce’umsaa sanatti murtiin uummataa yk referendum’n akka geggeeffamuuf yaalamee uummanni Somaalee Dirre Dhawaa keessa jiraatan persentii 15 gadi waan ta’eef, Oromoon magaalicha keessatti wayyaba waanta’eef murtiin uummataa hin barbaachisu jedhamee magaalaa Dirre Dhawaa bulchiinsa Oromiyaa jalatti dhiifamee ture. Boodarra Somaalonni wal gurmeessanii magaalaa sana keessa jiraachuudhaan gaaffii waan kaasaniif mootummaan Wayyaanee magaalaan Dirre Dhawaa magaalaa chaarteraa taatee Federaala jalatti akka bultu murteesse. Sanarraa kan hafe garuu, Dirre Dhawaan bulchiinsa mootummaa Naannoo Somaalee jala galtee hin beektu.
Moyyaaleenis haaluma wal fakkaatuun bulchiinsa mootummaa Oromiyaa jala kan turte yommuu ta’u, dadhabinaafi murtii OPDO’tiin gar tokkoon Oromiyaarraa muramtee Somaaleef kennamte. Sababa kanaatiin hanga ammaatti gaaffiin dhimma Moyyaalee furmaata hin argatiin tureera.
Addi Bilisummaa Oromoo fi KFOn jila jaarmayaalee hawaasaa adda addaa waliin ta’uudhaan ejjennoo kan qabatan adeemsa heera biyyaafi seerota idil-addunyaa eegeen bakkoonni Oromiyaarraa fudhataman gara Oromiyaatti akka deebi’aniif yaada yommuu dhiyeessan, Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaaden fi dhaabonni isa waliin ibsa baasan garuu heera biyyaa faallessanii abjuu weeraraaf qaban ifa godhatan.
Ibsi weeraraa kun akka mul’isutti, lafoonni baha Oromiyaa kanneen akka Baabbilee, Mi’eessoo, Gursumiifi kanneen biroo lafa Somaalee ta’uu isaanii akeeka. “Lafti keenya hanga Awaash ga’utti” jedhanii abjuu bara dheeraa kan qaban humnoonni Somaaliyaa guddittii kun, saalfii tokko malee lafa Oromiyaa weeraruuf ejjennoo qabatanii socho’aa jiru. Weerarri tibba kana karaa Madda Walaabuutiin banames bu’uura kanarraa kan ka’e ta’uun ni beekama.
Humnoonni ibsa waloo baasanii ejjennoo ABO fi KFO balaaleffatan kun karaa tokkoon heera mootummaallee faalleessanii walitti bu’insaaf haala mijeessaa, karaa biraammoo “nagaa buusuuf waliin haa hojjennu” jedhanii dhaamu.
Hanga Oduun kun qindaa’etti gama Adda Bilisummaa Oromoo fi KFO’tiin wanti jedhame hin jiru.





























