Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Jaartee Jaardagaatti humnoonni Finxaaleyyii Faannoo hawwaasa nagaa juumlaan ajjeesuun qabeenya isaa saamuu gabaafame.
Hundeemarraa akeeka hawwaasa nagaa saamuu, Oromoo lafarraa dhabamsiisuu kaayyeeffatanii kan hundaa’an Faannoon gocha gara jabinaan guute daangaa irratti raawwachuu itti fufaniiru.
Humnoonni Faannoo daangaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa wal daangessan irratti hawwaasa nagaa Oromootti ce’uun haleellaa hameenyaan guutame raawwachuun irra deddeebiin dhagaa’amuu itti fufeera.
Akka kanaan kaleessa jechuun Eebla 6,2025 Galgala naannoo saa’atii 12:00 irraa kaasee, lola humnoonni Faannoo raawwataniin Oromoo hedduun gaaga’amuutu himame.
Akka maddeen jedhanitti Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaartee jaardagaa, Ganda Haboo jedhamutti, Finxaaleyyii faannoon daangaa Oromiyaa cabsanii Namoota hedduu lubbuun dabarsanii jiru, jedha.
Gabaasa argannerraa akka hubannetti jaarsaa, jaartii fi daa’imman dabalatee, namoonni 13 ol yommuu ajjeefaman namoonni hedduun immoo ukkaamfamanii fudhatamaniiru.
Qabeenyi hedduun barbadaa’eera, saamameeras; hanga ammas humni finxaaleyyii kun uummata sana dararaa jira jedha gabaasni nu dhaqqabe.
Uummanni kun waggaa 3 darbe, sababuma kanaan, qe’eefi qabeenya isaarraa buqqa’ee rakkoo hamaaf saaxilamaa ture, har’allee rakkoon kun itti fufee jiraachuu gabaasa kanarraa hubatameera.
Haleellaan irra deddeebiin kan miidhe qonnaan bultoonni Oromoo daangaa irra jiraatan, qaama furmaata kennuuf dhabanii gidiraa kana keessummeessuuf dirqamaniiru. Mootummaan akka waan nageenya buuseetti hawwasni qe’eetti akka deebi’u dirqisiisuun ala nageenya uummataa mirkaneessuu hin dandeenye.
Namoota ajjeefaman kan maqaa arganne:
1. Dalasaa Namoomsaa
2. Guutamaa Namoomsaa
3. Tamasgeen Rattaa
4. Fiqaaduu Immiruu
5. Addisuu Fiqaaduu
6. Hirkisaa Habtamuu
7. Tasfaayee Amanuu
8. Kumarraa Amanuu
9. Dassaalee Booranaa kanneen jedhamanidha.
Dirqama hawwaasa tokko tiksuu kan qabu mootummaan Itoophiyaa, hojii isaaf dirqama isaa sirnaan bahachuu dadhabuun hawwaasni kun gudadoo kana keessaa akka hin baane taasiseera. Loltoonni Faannoo wayiita haleellaa hawwaasa irratti gaggeessan sabaan qooduun waan Oromoo ta’e qofaaf maanguddoota irraa hanga daa’imaatti daguuganii ajjeesuutu himama. Qabeenya uummataa kaan ooffatanii yoo deeman kan fuudhanii socho’uuf danqaman ammoo abiddaan barbadeessuu jedhame. Kaayyoon haleellaa kanaa saba Oromoo naannichaa balleessuuf kan xiyyeeffate akka ta’e himama. Ammas taanaan nageenya uummata daangaarraa kun haalaan yaaddessaa ta’uu barameera.




































