Biyyoota Afrikaa gaazexeessitoota haala hamaan hidhan keessaa Itoophiyaan tokko ta’uun ibsame.
Itoophiyaan biyyoota Afrikaa haala hamaa ta’een gaazexeessitoota hidhan keessaa tokko ta’uu dhaabbanni idil addunyaa mirga gaazexeessitootaaf falmu Koreen Eegumsa Gaazexeessitootaa (CPJ)n ibseera.
Dhaabbatichi hidhaa gaazexeessitootaa ilaalchisee gabaasa waggaa kan bara 2024 baaseen, Itoophiyaa keessatti gaazexeessitoota hidhaman jaha keessaa shan kan ta’an himanni “shororkeessummaa” hanga murtii du’aa adabsiisu irratti banamuu eereera. Keessumaa naannoo Amaaraa keessatti walitti bu’iinsa mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti geggeeffamaa jiruun “namoota nagaa, hojjettoota mootummaa, barsiisotaa fi gaazexeessitoota” irratti xiyyeeffachuudhaan hidhaafi dararaan hammaataa kan jiru ta’uu ibseera.
Dhaabbatichi akka jedhutti, mootummaan Itoophiyaa yeroo baay’ee gaazexeessitoota hidhuuf “shororkeessummaa ykn finxaaleeyyii waliin walqabsiisuun himata; ykn murtii ifa hin taane” fayyadama.
Afrikaa keessaa Eertiraan biyya gaazexeessitoota baay’ee haala hamaatiin hiite jedhamuun sadarkaa tokkoffaarra kan jirtu yoo ta’u, jalqaba bara 2000 irraa eegalee gaazexeessitoonni 16 himannaa seera qabeessa malee mana hidhaatti darbamaniiru.
Itti aansee Kaameeruun fi Ruwaandaan tokkoon tokkoon isaanii gaazexeessitoota shan kan hidhan yoo ta’u, Naayijeeriyaan ammoo afur akka hiite ibsameera. Akka addunyaatti Chaayinaan gaazexeessitoota 50 hidhuun dursaa jirti. Akkaataa odeeffannoo CPJ’n hanga Muddee 1, 2024 galmeesseen, guutuu addunyaatti yoo xiqqaate gaazexeessitoonni 361 hidhamanii akka argaman ibseera.
Itoophiyaan mirga gaazexeessitootaa sarbuu, walabummaa miidiyaa ukkaamsuufi mirga namoomaa sarbuudhaan himannaa hedduun irratti dhiyaataa tureera.




































