Abbootiin Gadaa Karrayyuu mooraa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa keessatti gaaffii tokko malee hidhamanii akka turan himan. Ammas WBO akka galchuu qaban akeekkachiisni itti kennameera.
Miseensonni jila Gadaa Karrayyuu gaafa Amajji 6/2025 qaamota mootummaatiin “walga’iif barbaadamtu” jedhamanii erga hidhamanii booda, guyyoota 21 hidhamanii tibbana lakkifamuun isaanii gabaafameera. Namoonni kun achi buuteen isaanii dhabamee yaaddoo uumee kan ture dilbata darbe gadhiifamanii gara mana isaaniitti deebi’aniiru.
Miseensonni jila Gadaa Karrayyuu baayinaan 20 ta’an kun “Waraana Bilisummaa Oromoo galchuu diddan” jedhamanii akka hidhaman maatii isaanii wabeeffatanii miidiyaaleen gabaasaa turan. Guyyoota 21’f kaampii Raayyaa Ittisa Biyyaa kan Awaash Arba jiru keessatti hidhamanii akka turaniifi maaliif akka hidhaman kan itti hime akka hin jirreefi qorannoon tokkollee kan hin taasifamne ta’uu Addis Standard maatii isaanii wabeeffatee gabaaseera.
Maatiifi hawaasni naannoo gadhiifamuu Abbootii Gadaafi jaarsolii biyyaa kanaan gammachuu qabaachuu himanii, taatee ammaan duraarraa jiila waan waan qabaniif yaaddoo guddaa keessa turuus ibsan.
Ta’us garuu, namoonni kunneen gadhiifamanii gara qe’eetti yeroo deebi’an bulchiinsi aanaa Fantaallee walgahii isaan waamee “hojii manaa kanaan dura itti kanname”, kan hidhaa isaaniif akka sababaatti eerame miseensota WBO galchuu ammallee akka raawwatan itti dhaamuu hime.
Abbootiin Gadaa fi manguddoonni kunneen baatii tokko dura sirna buttaa qaluu erga raawwatanii booda hidhaman. Miseensota Gadaa Michillee hidhaa guyyoota 21 booda gadhiifaman keessaa Roobaa Jiloo Jeenboo, Gurroo Roobaa Hanbuu fi Haldaggoo Fantaallee kan jedhaman kan keessatti argaman yoo ta’u, jaarsolii biyyaa irraa Abbabaa Abbulloo, Qoonjoo Jiloo Godeetti, Umaar Roobaa Ayyaanaa, Hawee Jiloo fi kanneen biroo keessatti argamu.
Muddee 2021 keessa Abbaa Gadaa Kadir Hawaas Boruu dabalatee Abbootiin Gadaa Karrayyuu 14 humnoota nageenyaa mootummaatiin erga butamanii booda ajjeefamanii argamuun ni yaadatama.
Yeroos mootummaan ajjeechaa kana keessaa harka akka hin qabne waakkatus, ajjeechaan kun kan raawwatamee qaamolee nageenyaa mootummaatiin ta’uu gabaasaalee qorannoo Komishinii Mirgoota Namoomaa fi miidiyaan idil addunyaa Rooyitars yeroo garagaraatti baasan saaxileera.




































