Qondaalli Adda Bilisummaa Oromoo fi barreessaa Lammii Beenyaa kitaaba isaa Daayaa jedhamu kaleessa eebbisiise.
Waggoota afurii oliif mana hidhaa kan tureefi mana hidhaa keessa taa’ee kitaabota ajaa’ibsiisoo ta’an lama kan barreesse Lammii Beenyaa, kitaaba asoosama dheeraa DAAYAA jedhamu kaleessa haala ho’aa ta’een eebbisiise.
Sirna eebbaa kan hirmaattonni hedduun irratti argaman kana irratti haasaa kan taasise barreessaan kitaabichaa, bu’aa ba’ii keessa darbe yaadachiiseera. Barruun asoosamaan dhiyaate Daayaan, qabiyyee barnoota gaarii namaaf kennuu danda’uun qindaa’ee ogummaa barreeffamaa daran fooyya’aa ta’een bocamee akka ijaafi qalbii namaaf tolutti kan dhiyaatedha. Kana ta’uu isaatiinis badhaasa ogbarruu Gaaddisaa kan Waldaan Barreessitoota Oromiyaa waggaa waggaadhaan qopheessu kan bara 2024 injifatee 1ffaa ta’ee badhaafameera.
Sirna eebbaa kana irratti haasaa taasiseen barreessaan kitaabichaa, Daayaan Qormaata keessa taa’anii waa hojjechuun akka danda’amu kan agarsiise ta’uu hubachiise. Mana hidhaa keesatti haalota rakkisoo keessa taa’anii yaada ofii sassaabbatanii hojii gaarii kan qulqullina olaanaa qabu hojjechuun akka danda’amu kan ittiin mirkanaa’u ta’uusaas hime.
“Qormaataaf kufuufi harka kennachuu utuu hin taane, diduun akka danda’amu kanin irraa baradhe, bu’aa dadhabbiikoo qofa utuu hin taane bu’aa ilaalchakooti” jedha Lammiin haasaa taasise kanaan.
“Namni tokko qormaata keessa taa’ee waa hojjechuu yoo danda’e, sabni tokkos qormaata keessa taa’ee waan hojjechuu ni danda’a” jechuudhaan, sabni Oromoo qormaata gurguddaa keessa akka dabarse yaadachiisee, sabichi qormata kana injifatee uummata baay’ee, lafa bal’aafi qabeenyasaa qabatee waan barbaadu argachuu akka danda’u akeeke. Hojii kamiyyu hojjechuun haala mijataa qofa irratti kan hin hundoofne ta’uufis Daayaan akka fakkeenyaatti ibsameera.
Yeroo kitaabni kun barreeffamu namoota barreessaa kanaaf tumsa adda addaa taasisan barreessichi maqaa isaanii eeree galateeffateera. Isaan keessaa tokko qondaala Adda Bilisummaa Oromoo gaafatamaa qunnamtii hawaasaa dhaabichaa kan ture Battee Urgeessaati. Battee Urgeessaa hiriyyaasaa waggaa 20 olii akka ta’e kan eere Lammiin, Yuunversiitii Baahirdaar irraa kaasee hanga mana hidhaa Buraayyuufi Galaanitti hiriyyaa dhiyoo turaniiru. Kitaabonni mana hidhaatti barreeffaman kun maxxanfamanii dubbistoota biraan akka ga’aniif qooda guddaa kan gumaache Battee Urgeessaa ta’uu Lammii Beenyaa sagantaa eebba kitaaba isaa kana irratti dubbateera. Kitaabota kanneen irratti galata keessatti Maqaan Battee akka addaatti eerameera. Kitaaba Hundee Gaaffii Oromoo jedhummoo Batteen gulaaleera.
Har’a Battee of biraa dhabuutti gaddi guddaan akka itti dhaga’amu ibsee, “Battee dhabuun ana qofatti utuu hin taane uummata Oromoo hundatti hir’ate” jedhe. Itti dabaluudhaanis, “haala nuti keessa jirru namoota akka Battee akka dhabnuuf nu dirqisiisaniiru” jechuudhaan haalli walxaxaa siyaasa biyya kanaa lubbuu ol adeemtotaa gaaga’aa kan jiru ta’uu yaadachiise. “Batteen maqaa argachuuf hin qabsoofne, qabeenyi namaa harkasaa hin jiru, hin sobne, Oromoo hin hamanne, Oromoo hin ganne, dhugaa Oromoo hanga arransisaa dubbachuu danda’utti dubbatee darbe, namni akkasii nu keessaa dhalachuun nan nama boonsu, nama akkasii dhabuunimmoo kan nama gaddisiisudha” jechuudhaan eenyummaa Battee hanga tokko ibseera.
Lammii Beenyaa haasaa isaa kana keessatti, Uummanni Oromoo waggoota shantamaa qabsoo bilisummaa geggeesse keessatti sabboonummaa ijaaruusaa yaadachiisuudhaan, “Sabboonummaan keenya garuu mootummaa ijaaruu hin dandeenye” jedha. Daangaa biyyaa kankooti jennee hin fudhanne, mootummaa itti hin amanneefi heera biyyaa naaf ta’a jennee itti hin amanne jala bulaa jirra. Kun jijjiiramuu danda’uu qaba” jedha.
Addunyaan kun kan warra humnaafi tokkummaa qabuu ta’uushee ibsuudhaan, yoo humnaafi tokkummaa hin qabaanne abbaan fedhe akka fedhetti namatti kan roorrisu ta’uu ibse.
Kanaafis fakkeenya, warra Jewish ykn Isiraa’elootaafi Araboota akka fakkeenyaatti fudhatee, Isiraa’eloonni lafa xiqqaafi uummata xiqqaa qabatanii Arabootatti roorrisaa akka jiraatan hubachiise.
Oromoonis tokkummaa qabaatee humna yoo hin horanne baayinni uummatasaa, qabeenyiifi bal’inni lafasaa homaa faayidaa akka hin qabnes ibse. Rakkoo keessootiin wal takaaluufi wal qoccoluurra, tokkummaadhaan dhaabbachuudhaan waan barnaadamu argachuuf hojjechuun barbaachisaa akka ta’e dhaame.
Lammii Beenyaa ogummaa barnootaan argateen Injiinera yommuu ta’u, sochii barattootaa Koree Bulchiinsaafi Bilisummaa Oromiyaa ijaaranii Fincila Diddaa Gabrummaa qindeessuufi keessatti hirmaachuurraa hanga har’aatti Adda Bilisummaa Oromoo jalatti hirmaannaa siyaasaa ho’aa geggeessaa kan jirudha. Akkasumas gama ogbarruu Afaan Oromootiin kitaabota afur: Afaan Qawwee Jalatti, Jireenyaafi Du’a Gidduu, Hundee Gaaffii Oromoo fi Daayaa barreessuudhaan gumaacha taasisaa jira. Hojii isaa hunda qulqullinaan kan hojjetu yommuu ta’u, DAAYAAn badhaasa ogbarruu injifachuudhaan hojii isaaf ragaa ba’eera.





























