Jilli jaarmayaalee hawaasa Oromoo adda addaa, Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongirasii Federaalistii Oromoo (KFO) ‘rakkoolee siyaasaa fi waraanaa Oromiyaa keessa jiruu fi jiruuf-jireenya ummataa irratti danqaa ta’e irratti yaada furmaataa barbaaduuf’ Gurraandhala 19, 2025 irraa kaasee hanga Gurraandhala 22, 2025tti guyyoota afuriif marii bal’aa Hoteela Ililliitti taasifamaa tureera.
Marii taasifame kana keessatti haalli amma Oromiyaa keessa jiruu fi ummatni Oromoo itti jiru haala lubbuun namaa guyya guyyaan itti badaa jiru, haala namni hojjatee jiraatuu itti dadhabe, haala ummatni wabii jireenyaa itti dhabee waan godhu wallaale keessa jiraachuu isaa gadi fageenyaan kan hubatan ta’uu hirmaattonni marii kanaa ibsaniiru. Ummata Oromoo rakkoolee fi danqaa hamaa kana keessaa baasanii nagaa waaraan akka bu’uu danda’uuf yaadota furmaataa qabxii shan of keessaa qabu dhiyeessaniiru.
- Nagaa buusuu fi nagaa tiksuu ilaalchisee.
Nagaa waaraa jiruu fi jireenya ummataatiif barbaachisu buusuuf bilisummaa fi haqni ummata Oromoo sarbame guutummaatti deebii argachuu akka qabu amanuudhaan, waraanni Oromiyaa keessaa dhaabatee nagaan akka bu’uu fi nageenyi ummataas haala amansiisaa ta’een akka tikfamuu qabu waliigaluudhaan dhimma kana ABO fi KFOn dirqama ofitti fudhatanii wantoota humni isaanii danda’e hunda akka raawwatan amaanaan itti kennamuu hirmaattonni jilichaa ibsaniiru.
Rakkoo siyaasaa fi bulchiinsaa Oromiyaa keessa jiraniif furmaata maayii kennuun barbaachisaa akka ta’e hubachuudhaan ABO fi KFOn, ummatni Oromoo mootummaa isaa haala dimokratawaa fi bilisa ta’een hanga filatutti akkasumas tajaajila ummataa barbaarbachisu kan kennu Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa, Paartilee Oromiyaa fi qaama dhimmi ilaallatu hunda hammate yeroo murtaa’eef akka hundeessan amaanaa itti kennachuus ibsaniiru.
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n nagaa amansiisaa Oromiyaa keessatti buusuuf qooda olaanaa akka qabu amanuudhaan, ABO fi KFOn waraanni kun bulchiinsa siyaasaa Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa hundeeffamu jalatti itti gaafatamummaa fudhatee seera, nagaa fi dangaa Oromiyaa akka tiksuu danda’u haala barbaachisaa akka qindeessanii fi guutaniif amaanaan dhaabota siyaasaa kana lamaanitti kennamuu ibsi kun ni hubachiisa.
- Rakkoo Magaalaa Finfinnee fi Daangaa Oromiyaa furuu ilaalchisee.
Magaalaan Finfinnee seenaanis ta’e seeraan qabeenya ummata Oromoo fi Magaalaa guddoo Oromiyaa akka taate guutummaatti amanuun Magaalaan kun itti waamamni ishii akka mootummaa Oromiyaatiif taatu ABO fi KFOn itti gaafatamummaa ofitti fudhatanii akka mirkaneessan jilli kun amaanaa itti kenneera.
Walloo, Dirre Dawaa, Matakkal, Moyyaalee, Madda Walaabuu fi kkf dabalatee daangaaleen Oromiyaa karaa adda addaatiin irraa ciccitanii mootummaa naannoolee adda addaa Oromiyaa daangessan keessatti akka hafanii jiran amanuun ABO fi KFOn itti gaafatamummaa ofitti fudhatanii seera addunyaa fi seera biyyi qabdu irratti hundaa’uun akka Oromiyaa keessatti dachaasan hirmaattonni jila kanaa amaanaa itti kennuu ibsan.
- Tokkummaa fi Ijaarsa ummata Oromoo cimsuu ilaalchisee.
Sirni Gadaa/Siinqee hundee tokkummaa fi ijaarsa siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, aadaa fi nageenya Oromootiif qabaachaa ture sirriitti hubannee ABO fi KFOn sirni Gadaa/Siinqee kun gadi fageenyaan qoratamee, ummata wajjin marii bal’aan taasifamee haaromsi jaarraa keessa jirru wajjin walmadaalu itti taasifamee sirna Oromoon itti bulu akka ta’uu danda’u waan barbaachisu hunda akka taasisan jilli kun dhaabota lamaanitti kenneera.
- Mirga Sabaa fi Sab-lammoota Oromiyaa keessa jiraatan ilaalchisee
Sirni Gadaa ummatni Oromoo akkamitti akka kanneen Oromoo hin taane wajjin kabajaa fi michummaan jiraatamu haalaan kan barsiisee fi muuxannoo itti qabu ta’uu isaa hubachuun fuulduras ABO fi KFOn haala ummatni Oromoo sabaa fi sab-lammootni sodaa tokko malee mirgi isaanii guutummaatti kabajamee wajjin jiraatamuu danda’u irratti hojjatanii fi dhugoomsan waltajjii kanaan amaanaan itti kennameera.
- Hariiroo Mootummaa Oromiyaa fi Mootummaa Federaalaa Jidduu jiraachuu qabu ilaalchisee
Mootummaa Federaalaa keessatti olaantummaan seeraa kabajamaa akka hin jirre, ummatni Oromoo akka baay’ina isaa fi gumaacha isaatti jaarmiyaalee mootummaa Federaalaa keessatti bakka bu’umsa akka hin qabne, walabummaan dhaabbattoota (institiyuushiinii) kanneen akka Mana Murtii, Polisii Federaalaa, Humna Ittisa Biyyaa fi kkf akka hin jirre, qabeenya waloo Federaalaatti gaheen ummata Oromoo xiqqaa ta’uu hubannee ABO fi KFOn wantota daddaban kana haala sirreessuu fi dantaan ummata Oromoo mootummaa Federaalaa keessatti kabajamuu qabu irratti itti gaafatamummaan akka hojjatan amaanaan itti kennamuu ibsi waloo kun ni hubachiisa.
Dhuma irratti Jilli Guula Waliinii ABO fi KFO amaanaa itti kenname kana akka seeraa fi sirnaan raawwatan deggersa isaanirraa barbaadamu hunda kennuuf waadaa seenuu isaanii ibsaniiru.




































