Naannoo Oromiyaa Godina Shaggar magaalaa Sandaafaatti konkolaachistoonni #Baajaajii fi #Gaarii fardaa leenjii milishaa humnaan fudhataa jiraachuun beekame. Akka namoonni magaalaa Sandaafaarraa Bakkalcha Oromia f eeruu kennanitti, sababa leenjii dirqii sanaan rakkoon geejjibaa ummata qunnamaa jira. Akka qajeelfama itti kennameetti, konkolaachistoonni baajaajii fi gaarii fardaa ganama saa’atii 12:00 irraa eegalee hanga 3:00tti leenjii sanarra turu. Leenjii dirqii sun Mudde 27, 2024 kan regale yoo ta’u hanga Amajjii 9, 2025tti tura jedhamee eegama.



































