Dhibdee biyyoota lamaan Maalii fi Aljeeriyaa gidduu sadarkaa hammaataa jedhamutti ce’uun hanga dipiloomaasii wal irraa kutanitti gahaa jiraachuu isaanii miidiyaaleen gabaasaniiru.
Gocha aggaammii abbaa biyyummaa kiyya molqu Aljeeriyaan narratti raawwatteetti kan jettu Maaliin, himata ishee kana addunyaatti dhiyeeffatteetti.
Ibsa televijiinii mootummaa irratti tamsa’een dubbi himaan mana maree waraanaa Maalii akka jedhanitti, naannoo daangaa biyyoota lamaan gidduutti dirooniin Maalii haleelamuu ibsite. Aljeeriyaan ammoo daangaa isaa ala osoo balali’uu diroonii kana kuffisuu himti. Maaliin himata Aljeeriyaa kana hin fudhanne. Dirooniin kuffifame kan Shororkeessitoota adamsaa ture ta’uu kan himte Maaliin, dhimma miidhamuu diroonii ishe kanaaf guddoo mufachuu himteetti.
Haala kana irra dhaabbachuun Maalii, Niijer, fi Burkina Faasoon ibsa waloo baasaniin dhimma keessoo keenya gudduu seente jechuun Aljeeriyaa himataniiru. Kanaafis waliin ta’uun Aljeeriyaa balaaleffataniiru.
Biyyoonni Afrikaa dhiyaa sadan tarkaanfii waloon fudhatan jedhameen ambaasaaddaroota isaanii Aljeeriyaa keessaa biyyatti waamuu isaaniis gabaafameera. Haallu kun ammoo waldhabdeen guutuu naannichaa, kan duraanuu tasgabbii dhabuu siyaasaa fi gamtaa Sahel keessatti mul’ataa ture raafame guddaa keessatti kan argamu ta’uu agarsiisa jedhame.
Gama biraan biyyootni daangaa wal irraa qooddatan Maalii fi Aljeeriyaan daandii qilleensaa wal dhorkachuu isaanii Dochoble Afrikaa kaleessa gabaaseera. Akka gabaasa isaa irraa hubatamutti Aljeeriyaa fi Maaliin naannoo daangaa waliin qabanitti dirooniin waraanaa kuffifamuu hordofee waldhabdeen hammaataa dhufee daandii balalii qilleensaa wal dhorkaniiru.
Aljeeriyaan torbee darbe diroonii kana naannoo magaalaa Tinzaoutin naannoo qilleensaa ishee sarbe jetteetti kuffifte. Maaliin kana haaluun, lagannaa kana ”tarkaanfii diinummaa dursee yaadame” jechuun Aljeeriyaa shororkeessummaa deeggarti jechuun himatte. Deebii kan kenniteen Aljeeriyaan ammoo himannaa kana fudhatama dhabsiifte.
Ergasii saboonni lamaan ambaasaaddaroota walii ari’aa kan turan yoo ta’u, Maaliin himannaa idil-addunyaa akka dhiheessituu fi gamtaa nageenyaa naannoo Aljeeriyaa hirmaachise keessaa akka baatu dhaadattee jirti. Gamtaan biyyoota Sahel (AES), kan Maalii, Niijar fi Burkinaa Faasoo of keessaa qabu, dirooniin kun garee shororkeessummaa irratti xiyyeeffate jechuun tarkaanfii Aljeeriyaa balaaleffate. Aljeeriyaan ji’oota darban keessa daangaa qilleensaa dachaa Maaliin sarbamuun ishee kan gabaase yoo ta’u, doorsisa hidhattoota naannoo sanaa qolachuuf loltoota gara daangaa isheetti bobbaasuun ishee ni yaadatama.
Naannichatti atakaaroo biyyoota lamaanii irraa kan ka’e okkoraaf jeequmsi babal’ataa jiraachuu miidiyaaleen gabaasaniiru.




































