Ajjeechaa tibbana Godina Jimmaa aanaa Geeraatti abbaa qabeenyaa Oromoo Obbo Zaakir Abbaa Olii irratti raawwatame waliin walqabatee shakkamtoonni qabamaa jiraachuu mootummaan hime.
Jiraattonni immoo shakkamtoonni qabaman hin jirani, mootummaan ni soba jedhu.
Godina Jimmaa Aanaa Geeraatti ajjeefamuu abbaa qabeenyaa Oromoo Obbo Zaakir Abbaa Olii booda qabeenyi isaa saamamaa akka jiru jiraattonni himaniiru.
Tiraaktara qonnaa, konkolaataa, motorsaayikilii, soolaariiwwanii fi mana isaa seenanii sakatta’uun birrii gara miiliyoona lamaa kan inni miindaa hojjettootaaf kennuuf garas deemee ajjeefame manaa fi qe’ee isaatii beekamtii maatiisaa malee fudhatamuu himu.
Kanamalees, buna qishira, ruuzii, barbaree fi kanneen biroo konkolaataa dhaabuun fe’amee jedhu.
Konkolaataa waraanaa paatiroolii fi Isuzudhaan meeshaafi qabeenyi isaa beekamtii maatii malee fe’ameera kan jedhan maddeen, namoota haqasaa gaafatan ukkaamsuu irratti xiyyeeffataniiru jedhu.
Qabeenya isaaf eegumsi taasifamee maatiin to’annoo akka hin taasifne taasisuutti jiru jedhan.
Obbo Zaakir hojii investimentii Aanaa Geeraa ganda Waallaa fi Aanaa Shabee Somboo keessatti hojjetuun beekama.
Dhimma ajjeefamuu abbaa qabeenyaa kana ilaalchisee Biiroon kominikeeshinii naannoo Oromiyaa ibsa baaseen “shakkamtoonni qabamanii seeraaf dhiyaataa jiru akkasumas, kaan immoo naannicha gadhiisanii bakka biraatti baqataniiru” jedhe.
Kominikeeshiniin Aanaa Geeraas ibsa erga gochi kun raawwatamee guyyoota sadii booda baaseen namoonni ajjeechaa kanaan shakkaman lama to’atamaniiru jedhe.
Haata’umalee, dhimma ajjeechaa isaan shakkamee qaamni to’atame akka hin jirre jiraattonni himaniiru.
Aanaa Geeraatti dabballoonni mootummaa yeroo addaa addaatti uummata irratti dararaa raawwachuu isaanii jiraattonni himataa turanii jiru.
Rakkoon aanichaafi dararaan uummata irra ga’aa jiru rakkoo bulchiinsa gaarii dhabuus akka tahe irra deddeebiin himatu.
Obbo Zaakir Abbaa Olii abbaa qabeenyaa investimentii qonnaaa irratti bobba’ee turee fi namoota hedduuf carraa hojii uume hawaasa isaa biratti jaallatamummaa guddaa qaba.
Ajjeechaa isaa kanaaf jiraattonni humnoota Amaaraa Aanicha keessa qubsiifamuun bulchiinsa aanichaatiin hidhachiifamuun bobbaafaman himata.
Uummanni rakkoofi sodaa qabaachuu dursanii irra deddeebiin himataa turanillee qaamni furmaata nuuf kenne hin jiru jedhu.
Humnoota Oromoo ajjeesuufi buqqisuu irratti xiyyeeffatanii hojjetaa jiran kana uummanni akka ofirraa ittisuuf carraan hin kennamneef jedhu.
Meeshaa waraanaa uummata irraa hiikuun ulee qabatee namni akka karaa hin deemne taasifame jechuun himatu.
Ammallee rakkoon bulchiinsa gaarii kun hin furamu taanaan rakkoo caalutu nu mudachuu mala jechuun yaaddoo qaban himachuutti jiru.