Yuunivarsiitiin Dembi Doolloo odeeffannoo sobaa fi maqa balleessii sagantaa Televizhinii EBS irratti tamsa’e ilaalchisee ibsa baaseera.
Dhaabbanni Televizhinii EBS Sagantaa “Addis Mi’iraf” jedhu irratti gaafa 14/7/2017 (ALI) Bertukaan Temesgeen Kebbedee kan jedhamtu keessummaa sagantichaa taasisee gaaffiifi deebii dhiyeesseen haala itti gaafatamummaa hin qabneen maqaa Yuunivarsiitii Dembi Dooloo xureessuuf yaalii taasisuusaa Yuunivarsiitichi ibsa isaatiin yaadachiiseera.
Yuunivarsiitichi taatee kana “olola itti gaafatamummaa hin qabnee fi olola diigumsaa adeemsa baruu fi barsiisuu yunivarsiitichaa booressuuf kaayyeffate” jechuun ibse.
“Yeroo barattoonni sabaa fi sablammootaa akkasumas, biyya ollaa kan taate Sudaan Kibbaa irraa dhufan hafuura wal hubannaa fi kabajaan barnoota isaanii itti fufan kanatti, EBS sagantaa waldhabdee affeeru kana haala miidiyaa irraa hin eegamneen qopheessuun isaa, itti gaafatamummaa dhabuu qofa osoo hin taane, ummata Oromoo bal’aa fi ummatoota Itoophiyaa guutuu maqaa balleessuuf akkasumas jibba babal’isuuf kan qophaa’e ta’uun isaa ifatti kan qophaa’edha” jedhe.
EBS akkuma miidiyaalee biroo sagantaa dhugaa fi odeeffannoo irratti hundaa’e dhiyeessuu utuu qabuu, haala seera miidiyaa cabsuun Yuunivarsiitii Dambi Doolloo ka’umsa godhachuudhaan sagantaainni qopheesse kun biyyaa fi dhaabbilee ol’aanoo irratti hokkara kakaasuuf kan qophaa’e ta’uu akka agarsiisu Yuunivarsiitiin Dambi Doollooibseera.
Barattuu yunivarsiitichaa ta’uu kan himte Burtukaan Temesgeen kuusaa galmee barattoota yunivarsiitichaa kutaa kamiyyu keessatti galmooftee akka hin jirree fi barattuu yunivarsiitichaa akka hin taane mirkaneessuusaa Yuunivarsiitichi hubachiiseera.
Kana malees, yeroo jedhame sanatti sagaleen dhukaasa meeshaa waraanaa guyyaa tokkollee mooraa Yuunivarsiitichaa keessatti dhaga’amee kan hin beekne ta’uu ibsuudhaan, Haa ta’u malee, sagantaa EBS odeeffannoo yunivarsiiticharraa osoo hin argatiin dhiheesse maqaa yunivarsiitichaa xureessuuf kan kaayyeffate akka ta’e ibsee, sagantichi tamsa’e sun yuunivarsiiticha bakka kan hin buune ta’uu hubachiiseera.