Godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuu ganda Baddeessaa ykn Cabbiitti tibba kana hidhattoonni Amaaraa Faannoo jedhaman haleellaa raawwataniin namoota 16 ajjeesuun isaanii gabaafameera. Gaafa Ebla 10/2017 ganama barii hidhattoonni kun uummata nagaadhaan qonnaa qotataa jirutti meeshaalee gurguddaa dhukaasuudhaan nama tokkoo ajjeesanii nama lama madeessanii erga deemanii booda, uummanni dubartootaafi daa’imman ganda sana keessaa gara magaalaa Qoqoffeetti erguudhaan abbootiifi dhiironni haga danda’anitti of eeggachaa hojii isaanii itti fufanii turan. Guyyaa sadii booda gaafa Ebla 14/2017 ammas ganama bariidhaan hidhattoonni kun humna guddaa sadarkaa kutaa waraanaa ga’uun meeshaa gurguddaa fayyadamanii dhukaasa banuudhaan namoota 15 ajjeesuu jiraattonniifi bulchaan aanichaa himaniiru.
Namoota ajjeefaman kana keessaa namni 6 haala suukanneessaadhaan akka qalamaniifi kaan rasaasaan akka rukkutaman kan himan jiraattonni, namoonni madaa’an buufata fayyaatti yaalamaa jiraachuufi namni sadii erga rukkutamanii booda dandamachuu dadhabanii lubbuun isaanii darbeera. kanneen ajjeefaman uummanni itti yaa’ee akka awwaale himaniiru.
Bulchaan aanaa Kiiramuu Obbo Biraanuu Fiqaaduu BBCtti akka himanitti, namoonni 12 ajjeefamuufi sadii madaa’uu mirkaneessanii, namoonni ajjeefaman hunduu milishoota akka ta’an himan. Hidhattoonni Faannoo kun yeroo adda addaatti uummata nagaa irratti haleellaa raawwachuudhaan uummata qe’eerraa buqqisaafi qabeenya saamaa akka turan obbo Biraanuun himaniiru. Haleellaa lubbuu nama 15 galaafate kana booda Raayyaan Ittisa Biyyaa bakkicha seenee haala tasgabbeessaa akka jirus hogganni aanichaa kun himaniiru.
“Hidhattoota Faannoo waliin hojjetu, qabeenya saamame waliin qooddatu” jedhamanii himannaan irratti dhiyaataa kan ture bulchaan aanichaa obbo Biraanuun, hidhattoonni kun ammaan duras haleellaa wal fakkaataa geggeessaa turaniin gandoota aanichi qabu 19 keessaa aanaa 18 irraa uummata buqqaasanii akka turan himaniiru. Haata’u malee, yeroo dhiyootii as araarri ta’ee uummanni qe’eerraa buqqa’e gara qe’eetti deebi’ee jireenyasaa itti fufee akka ture himama. “Garuu Finxaaleyyiin kun hojii isaanii dhiisuu didanii itti fufaniiru” jedhu obbo Biraanuun.
Hidhattoonni kun dhalattoota Amaaraa aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Alii keessa jiraatan dawoo godhachuudhaan uummata Oromoo qe’eerraa buqqistee ganda Baddeessaa kana qabachuuf kaayyeffatanii hojjetaa kan jiran ta’uu obbo Biraanuun himaniiru. Lafti kun lafa gabbataa qonnaaf mijataa waan ta’eef, bakka bu’uura misooma qonnaa aanichaa keessaa tokko ta’e kan dhuunfachuuf hidhattoonni Amaaraa kun yeroo adda addaatti sochii taasisaa turaniiru.