“Ummata Dursuun Murteessaadha,” jedha ibsa har’a Ambaasaddarri Ameerikaa Ervin Masiingaan baase. Rakkoo keessoo Itoophiyaa barootaaf ummata qe’eerraa buqqise, barattoota mana barumsaa hanqise, ummata carraa tajaajila fayyaa dhabsiisee fi qabsoo hidhannoo keessatti seeradhablummaa babal’ate hambisuuf waraana ummata biyyattii hundarra miidhaa qaqqabsiise dhaabsisuun murteessaadha jedhan.
“Mootummaan Amerikaa Faannoon haala qabatamaan karaa nagaatti akka dhufu ni gaafata kan jedhan Ambaasaaddarichi,” itti fufuunis, “Waraanni Bilisummaa Oromoo lola Oromiyaa keessaatti xumura gochuuf marii kanaan dura eegale itti fufuu qaba jedhan.”
Waamicha sana itti fufuunis, “Mootummaan Itoophiyaas ummata isaa Dirooniin fixuu dhiisee rakkoo jiru karaa nagaan furmaata argamsiisuurratti hojjechuu qaba,” jechuun jabeessanii gaafatan, Ambaasaddar Ervin Maasingaan.

































