Somaaliyaatti lammiileen Itoophiyaa sadii humnoota nageenyaafi uummataan ajjeefamuun dhaga’ame.
Kaaba Baha Somaaliyaa bulchiinsa Puuntlaanditti guyyoota lama keessatti lammiileen Itoophiyaa sadii “garee shororkeessaa ISIS keessatti hirmaatan” jedhamanii ajjeefamuu fi namoonni kumaan lakkaa’aman hidhamuu Addis Standard jiraattota wabeeffatee gabaaseera.
Keessattuu magaalaa guddoo Puuntlaand kan taate Gaarowee dabalatee magaalota kanneen akka Bosaasoo fi Kalkawwee keessatti ajjeechaa, hidhaa, reebicha fi saamichi baqattoota Itoophiyaa irratti raawwatamu hammaachuu dhalattoonni Itoophiyaa Puuntlaand keessa jiran himaniiru.
Akka dhalattoonni kuni himanitti, Amajjii 25, 2025 dhalataan Itoophiyaa tokko qaama nageenyaa mootummaatiin kan ajjeefame yoo ta’u guyyaa itti aanu Amajjii 26 immoo lammiileen Itoophiyaa lama magaalaa Bosaasoo keessatti “uummataan reebamanii” ajjeefaman.
ISIS garee hidhattootaa shororkeessummaan labsameefi finciltoota Huutii waliin hidhata qabu yoo ta’u, Puuntlaand keessatti sochii fincila mootummaa gaggeessuu irratti kan argamudha.
Kanaan dura yeroo garaagaraatti waliigaltee handaara galaanaa mootummaa Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduutti mallatteeffamee tureen walqabatee dhalattoonni Itoophiyaa hedduu Somaaliyaa keessatti rasaasaafi reebicha ummataatiin ajjeefamaa turuun gabaafamaa tureera.
Ji’a Waxabajjii 2024 keessa mootummaan bulchiinsa Puuntlaand, lammiileen Itoophiyaa waraqaa baqattummaa osoo hin qabaatiin seeraan ala magaalaa Gaarowee keessa jiraatan atattamaan gadhiisanii akka bahan ajaja dabarsuu ni yaadatama.


































