• Latest
  • Trending
  • All
  • News
  • Business
  • Politics
  • Science
  • World
  • Articles
  • Politics

Lola, Saamicha fi Gaaffii Abbaa Lafummaa Faannoo

August 25, 2026
Jawar Mohammed: Rise, Influence, and Controversy

Jawar Mohammed: Rise, Influence, and Controversy

August 11, 2026
Jawar Mohammed: Rise, Influence, and Controversy

Jawar Mohammed: Rise, Influence, and Controversy

August 1, 2026
Constitutional Legitimacy and Federalism in Ethiopia

Constitutional Legitimacy and Federalism in Ethiopia

July 30, 2026
Jawar Mohammed: Rise, Influence, and Controversy

Jawar Mohammed: Rise, Influence, and Controversy

July 27, 2026
Jawar Mohammed: Rise, Influence, and Controversy

Jawar Mohammed: Rise, Influence, and Controversy

July 24, 2026
Jawar Mohammed: Rise, Influence, and Controversy

Jawar Mohammed: Rise, Influence, and Controversy

July 23, 2026
Jawar Mohammed: Rise, Influence, and Controversy

Jawar Mohammed: Rise, Influence, and Controversy

July 22, 2026
ከቅኝግዛትመፋታት፣የቋንቋጭቆናእናየኦሮሞህዝብለእውቀትነፃነትየሚያደርገውትግል

ከቅኝግዛትመፋታት፣የቋንቋጭቆናእናየኦሮሞህዝብለእውቀትነፃነትየሚያደርገውትግል

May 12, 2026
የወል መብት ቀዳሚነት በኦነግ ዕይታ

የኦነግ አጠቃላይ የገጠር እና የግብርና ልማት ፖሊሲ:

April 22, 2026
የወል መብት ቀዳሚነት በኦነግ ዕይታ

የወል መብት ቀዳሚነት በኦነግ ዕይታ

April 17, 2026
This map of Oromia is taken from Oromo Liberation Front's gallery

THE QUEST FOR OROMO SELF-DETERMINATION

February 16, 2026

The Two Ethiopias: The Mythical and the Real

December 25, 2025
  • About
  • Privacy & Policy
  • Contact
Tuesday, August 25, 2026
  • en English
  • ao Oromo
  • Login
Bakkalcha Oromia
  • Home
  • News
    • All
    • Politics
    • World
    Dhibdeen dipiloomaasii Aljeeriyaa fi biyyoota Sahel gidduutti hammaachuu isaa gabaafame.

    Dhibdeen dipiloomaasii Aljeeriyaa fi biyyoota Sahel gidduutti hammaachuu isaa gabaafame.

    Peresedaantiin Naamibiyaa lammiileen Ameerikaa sanada seeraa hin qabne biyya isaanii gadhiisanii akka bahan ajajje.

    Peresedaantiin Naamibiyaa lammiileen Ameerikaa sanada seeraa hin qabne biyya isaanii gadhiisanii akka bahan ajajje.

    Ajjeechaa Aanaa Jaardagaa Jaartee

    Ajjeechaa Aanaa Jaardagaa Jaartee

    “Sabboonummaan Oromoo Mootummaa ijaaruu qaba” Lammii Beenyaa.

    “Sabboonummaan Oromoo Mootummaa ijaaruu qaba” Lammii Beenyaa.

    Abjuun Somaaliyaa guddittii ijaaruuf Oromiyaa weeraruu ammas itti fufee jira.

    Abjuun Somaaliyaa guddittii ijaaruuf Oromiyaa weeraruu ammas itti fufee jira.

    ABO fi KFOn ‘Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa’ akka hundeessan amaanaan itti kenname.

    ABO fi KFOn ‘Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa’ akka hundeessan amaanaan itti kenname.

    “Mootummaan Itoophiyaa nama biyya hin qabne na gochuuf deema” Obbo Lidetuu Ayyaalew

    “Mootummaan Itoophiyaa nama biyya hin qabne na gochuuf deema” Obbo Lidetuu Ayyaalew

    “Isaayaas Afawarqii kaaba Itoophiyaatti walitti bu’iinsa haaraa kaasuuf hojjetaa jira”

    “Isaayaas Afawarqii kaaba Itoophiyaatti walitti bu’iinsa haaraa kaasuuf hojjetaa jira”

    “Mooraa Raayyaa Ittisa Biyyaa keessa turre” Jila Gadaa Karrayyuu.

    “Mooraa Raayyaa Ittisa Biyyaa keessa turre” Jila Gadaa Karrayyuu.

    Trending Tags

      Naannoo Oromiyaa Godina Shaggar magaalaa Sandaafaatti konkolaachistoonni #Baajaajii fi #Gaarii fardaa leenjii milishaa humnaan fudhataa jiraachuun beekame.

      Trending Tags

        • Africa
        • Oromia
        • Ethiopia
        • World
      • Articles
        • All
        • Analysis
        • Op-Ed
        • Opinion
        ከቅኝግዛትመፋታት፣የቋንቋጭቆናእናየኦሮሞህዝብለእውቀትነፃነትየሚያደርገውትግል

        ከቅኝግዛትመፋታት፣የቋንቋጭቆናእናየኦሮሞህዝብለእውቀትነፃነትየሚያደርገውትግል

        This map of Oromia is taken from Oromo Liberation Front's gallery

        THE QUEST FOR OROMO SELF-DETERMINATION

        The Two Ethiopias: The Mythical and the Real

        Irreecha: From Nature to Nation, Core Values of Oromo Culture: 

        Irreecha: From Nature to Nation, Core Values of Oromo Culture: 

        From Shared Purpose to Genuine Solidarity: Moving Beyond Empty Unity                 In Loving Memory of Kumsa Burayu, Devoted Advocate for Oromo Unity

        From Shared Purpose to Genuine Solidarity: Moving Beyond Empty Unity                 In Loving Memory of Kumsa Burayu, Devoted Advocate for Oromo Unity

        THE PATH TO FREEDOM: MOBILIZING OROMOS FOR SECURITY AND SOVEREIGNTY

        WHY ABIY AHMED’S NEO-NAFXANYA GOVERNMENT HAS FAILED THE OROMO PEOPLE

        THE BATTLE BETWEEN ETHIOPIANISM AND OROMUMMAA: FROM THE THIRTEENTH CENTURY TO TODAY

        WHY OROMOS MUST FIGHT FOR THE REBIRTH OF SOVEREIGN AND DEMOCRATIC OROMIA

        THE PATH TO FREEDOM: MOBILIZING OROMOS FOR SECURITY AND SOVEREIGNTY

        THE PATH TO FREEDOM: MOBILIZING OROMOS FOR SECURITY AND SOVEREIGNTY

        Shifting Political Alliances and the Enigma of Peace in Ethiopia

        Trending Tags

          • Opinion
          • Op-Ed
          • Editorial
          • Analysis
        • Human Rights
          • All
          • Human rights violations
          • Justice
          Battee Urgeessaa Biiftuu ifaa lixedha!

          Battee Urgeessaa Biiftuu ifaa lixedha!

          “Namni dubbachuu sodaata malee kana achi ture Raayyaa Ittisa Biyyaati”

          “Namni dubbachuu sodaata malee kana achi ture Raayyaa Ittisa Biyyaati”

          Biyyoota Afrikaa gaazexeessitoota haala hamaan hidhan keessaa Itoophiyaan tokko ta’uun ibsame.

          Biyyoota Afrikaa gaazexeessitoota haala hamaan hidhan keessaa Itoophiyaan tokko ta’uun ibsame.

          Itoophiyaatti bara 2024 sarbiinsi mirga namoomaa “hammaataan” mudachuu Human Raayits Waach gabaase.

          Itoophiyaatti bara 2024 sarbiinsi mirga namoomaa “hammaataan” mudachuu Human Raayits Waach gabaase.

          Trending Tags

            • Justice
            • Human rights violations
            • Music
          • Culture
            Irreecha: From Nature to Nation, Core Values of Oromo Culture: 

            Irreecha: From Nature to Nation, Core Values of Oromo Culture: 

            Trending Tags

              • Music
            No Result
            View All Result

                      Home Articles

                      Lola, Saamicha fi Gaaffii Abbaa Lafummaa Faannoo

                      August 25, 2026
                      in Articles
                      0
                      491
                      SHARES
                      1.4k
                      VIEWS
                      Share on FacebookShare on Twitter

                      Ummata Oromoo haleellaa milishoota Amaaraatiin aanaa Kiramuu qe’ee isaanii irraa buqqa’anii gara aanaa Gidda Ayyaanaatti yeroodhaaf dahannoo argatan. Madda: Waajjira Quunnamtii Mootummaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa.

                      Dr. Assabee Raggaasaatiin

                      Baroottan toorba (7) darbe keessatti, walitti bu’iinsiifi jeequumsi akkasumas gochi saamichaafi ajjechaa godinaalee Wallagga Bahaafi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti geggeefamaa jiru jireenya uummata nagaa gaaga’ee jira. Haala dinagdeefi hawaasummaa naannichaa jeequunis, naannicha bakka uummatni nagaa hedduun itti dhumaa jiru ta’uudhaan akka beekamu godhee jira. Manneen barumsaa gannoota kana keessatti cufaman, lafti qotee bulaa lafarraa buqqa’ee bakka biraatti godaanee duwwaa hafee jira. Kana irraa ka’uunis, lafti qonnan bulaa humnoota hidhatan kan Faannoo ofiin jedhaniin dhuunfatamee, baqattoonni qe’ee isaanii irraa buqqa’an gandaafi magaalota dhihoo jiran keessatti walitti qabamuun, tajaajilli geejjibaa addaa ciccituufi dhaabbileen fayyaa guutummatti tajaajila kennuu dhaabanii jiru.

                      Gabaasni Addis Istandardi bara 2024 keessa baase akka ibsutti, dhihi Oromiyaa, naannoo isa kanaan dura hayyootaafi barattoota ciccimoofi beekamoo Itoophiyaaf gumaachu ta’uun beekamu, yeroo ammatti lakkoofsa barattoota barumsa addaan kutaniifi harcaatiin barnootaa keessatti mul’atu isa olaanaa ta’ee akka jiru gabaaseera. Manneen barumsaa gariin ammoo, gara kaampii waraanaatti jijjiiramanii jiru.

                      Baroota 2022fi 2023 gidduutti, godinaalee lachuu keessaa ummatni buqqa’e gara kuma dhibba shaniitti akka lakkaa’amu odeeffannoolee adda addaarraa hubachuun danda’emee jira.

                      Sababni rakkoolee kanaa inni ijoon, yaada ofittummaafi ilaalcha weerartummaa humni Faannoo jedhee of yaamu, lafa babal’ifannaaf taasisuufi oppireeshinii waraanni mootummaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) irratti geggeessu akka tahetu hubatama. Adeemsa kana keessatti, Mootummaan ol’aantummaa isaa tursiisuuf walitti bu’iinsa kana daran akka jajjabeesseefi siviliiwwan eeguu irratti rincicuun isaafi xiyyeeffannoo ga’aa kennuu dhabuun, walitti bu’iinsa godinaalee kana lamaan keessatti mul’atu salphisee ilaaluun isaa akka tooftaa siyaasaa mootummaa ta’eetti akka ilaalamu nama taasiseera. Barruun kunis seenaa lafa gammoojjii Godinaalee Wallagga Bahaafi Horroo Guduruu Wallaggaa gara lafa qonnaatti jijjiire dhiheessuudhaan, boodarra ammoo fedhiin bal’ifannaa lafaa warra Amaara ofiin jedhanii Wallagga keessatti akkamitti akka uumame sakatta’a.

                      Sulula Angaar-Abaaya/Mormor: Quphsuma Irraa Gara Lafa Qonnaa Beekamaatti

                      Akka  waliigalaatti,  walitti bu’iinsa naannoo kanaa, mootummaa yookaan namoota siyaasaa dhuunfaatu qindeessa yaanni jedhu jiraatus, haleellaan Faannoo kun qabsoo siyaasaa isaanii kan tahe, Godina Addaa Amaaraa Oromiyaa keessatti hundeessuu, yoo xiqqaate ammoo lafa kana Naannoo Amaaraatti dabaluu wajjin kan walqabatu akka ta’etu ifatti calaqqisaa dhufe.

                      Gaaffiin abbaa lafummaa (mirga lafaa) kanaaf sababiin ammoo, seenaa quphsumaafi baroota Dargii keessa Sulula Angar-Abaaya/Mormor gara lafa qonnaa ijootti jijjiiramuu wajjin kan walqabatuudha. Bara sana, sagantaa quphsumaa bal’aa ta’een namoota 250,000 caalan naannolee Amaaraafi Tigraay keessaa bakkoota hongeen miidhaman irraa gara Wallaggaatti fiduun qubachiifamanii jiru.

                      Dargiin iddoowwan qubsumaa kana: lafa duwwaa ona ta’e, lafa gabbataafi guutumaatti hojiirra hin-ooliin, kan bishaan gahaa qabu gochuun ibsaa ture. Kunis akkaataan itti lafa abbaa biyyummaa Oromoo ibsan xinsammuu koloneeffattootaan “terra-nullius” (lafa abbaa hin qabne) jedhamuun tokko kan ta’e waan tureef, dhiibbaafi gaaga’ama afaanii/mallaattoo (symbolic violence) uummata Oromoo irratti jalqabama irraa kaasee geessise tahee jira.

                      Kiramu district, East Wallaga Zone, Oromia. Administrative Map (OCHA)

                      Baroota kanarraa jalqabee, qubattoonni hedduun walharkisuun lafa qonnaa Sulula Angaar kanatti naqaman. Lakkoofsi isaanii yeroo dabalu, godaantonniifi qubattoonni hedduun jalqaba baroota 2000-ma keessa Oromiyaa keessatti Godina Addaa Amharaa hundeessuuf gaaffii lafaafi siyaasaa kaasuu jalqaban.

                      Kana ka’umsa godhachuun, paartileen siyaasaa Amharaa kanneen akka Dhaabbata Tokkummaa Uummata Amharaa (AAPO) dabalatee, wajjin qindoominaan gaafachuu ta’e. Kanaanis walqabatee, jeequmsa dhuma bara 2000 fi jalqaba bara 2001-tti ka’een uummata Oromoo 10,000 ol qe’ee isaanii irraa buqqise; horii 3,000 ol saamsisee, manneen jiraattota Oromoo aanaa Giddaa Kiramuu 500 ta’an gubame. Gaaffiin abbaa lafummaa kun sadarkaa naannoo sana qofatti kan eegale qofa osoo hin taane, sabboonummaa Amaaraa wajjin kan walqabatu waan ta’eef, ofgurmeessuu eegalan.  Yeroo kanatti, mootummaan naannoo Oromiyaa ammoo, qonnaan bultoota Oromoorraa meeshaa hiikuufi hanga meeshaa aadaa kan akka: eeboofi Shimalaa seeraan ala gochuutti tarkaaniifii fudhataa ture. Jarri kun garuu, dhoksaattis tahe ifatti hidhannoo guuttachuun of qopheessaa turan.

                      Dhiyeenya kana, Bara 2018 irraa eegalee ammoo, walitti bu’iinsi darbee darbee gosa/saba gidduutti uumamu irraa gara ajjeechaa jumlaafi buqqaatii ummataa bal’aatti kan jijjiirame ta’eera. Kunis, kan leenjiin dabaalamee fi bifa gurmaayinaa qabuun haala opireeshinii waraanaa qindaa’aa ta’een raawwatamuutti jijjiiramee jira. Dabalataanis ifatti, sochii waraanaa baay’ee qindaa’aa, kan leenjiifi geggeessitoota waraanaatiin hogganamee gaggeeffamaa jiru ta’aa dhufeera.

                      Bara 2022 irraa eegalee, humni faannoo ofiin jedhu, haleellaawwan hedduu godinaalee kana keessatti raawwateera. Gocha kanaan ammoo, uummatni Oromoo kuma dhibba shanii ol qe’ee ofiirraa buqqiseera, namoota kumaatamaan lakkaa’aman garajabummaa hamaa ta’een ajjeeseera; Manneeniifi qabeenya qonnaan bultoota Oromoo daaraa gochuun gubeera; akkasumas horii kumaatamaan lakkaa’aman saamee gara Gojjamitti oofeera.

                      Ragaaleen aanaalee Kiiramuu, Agamsaafi Amuruu irraa argadhe akka mirkaneessanitti, abbootiin taayitaa naannoofi raayyaan waraana federaalaa jiraattota eegumsa gaafachuuf dhufaniin “Galaa Shanee [WBO] gargaarsa gaafadhaa” jedhanii ari’u jedhan. Namni tokko maaliif mootummaan Naannoo Amhaaraa keessatti Faannoo wajjin waraana gaggeessu, Wallagga keessatti waraanuu unkutaawa yookiin uummata nagaa eeguu irraa duubatti jedha jedhee gaafachuun isaa hin oolu. Saamicha kana irratti, akkuma gadiitti bal’inaan ibsu, mootummaan garee kana kaayyoo lamaaf dhimmi itti baha: waraana WBO irratti akka riqichaafi gaachanaatti, akkasumas uummata adabuuf jecha dinagdeefi jireenya isaanii balaa guddaadhaan saaxiluu keessatti akka tarsiimoo ‘necropolitical’tti fayyadama.

                      Adabbii Jumlaa Akka Tarsiimoo Waraana Balleessuutti

                      Tarsiimoo waraanaa keessatti (counterinsurgency), mootummaan tooftaa ‘lafa gubee barbadaassuun qullaa gochuu’ (scorched-earth policy) yaada jedhu qabatamaan fayyadameera. Kunis, haleellaa diroonii ummata nagaafi bu’uuraalee misoomaa sivilii irratti geggeessuu, tajaajiloota uummataa kan akka geejjibaafi manneen tajaajila fayyaa cufuu, akkasumas, qabeenya oomishaaf barbaachisan xaa’oo dabalatee, akka hin argamne daangessuu dabalata. Gochaaleen kunniin uummata iddoo diinni keessa jiraataa yookaan OLA (WBO) dhoksuufi gargaaru jedhamuun himataman adabuuf kan kaayyeeffatamanidha.

                      Dubbiiwwan yeroo garaagaratti geggeessittootni mootummaa ol’aanoo ta’an dubbataniif akkaataan ittiin ibsaa turan tarsiimoo adabbii jumlaa kana caalaatti agarsiisa. Fiqaaduu Tasammaa, qondaaltichi ol’aanaan sirna Abiy, tarsiimoo “bishaan gogsuu” uummata nagaa irratti qiyyaafate Caffee Oromiyaarratti dubbate asii gaditti dhiyaateera:

                      Isin keessaa tokko tokko [miseensonni Caffee] Juntaa [TPLF] guyyaa 15 keessatti erga mo’uu dandeenyee, WBO/Shanee mo’uu ni dadhabnaa? jettanii gaafattaniittu. Raayyaa waraanaatu itti hir’ate moo waanta biraati jettaniis gaafattaniittu.

                      “Lolli idilee (conventional war)fi lolli riphee lolaa (guerrilla warfare) amala adda addaa qabu. Lola idilee keessatti meeshaa waraana gurguddaafi ajajoota (birigeedota) guutuu bobbaasta; diina wajjin fuulleetti walwaraanta. Inni Kaabaa [waraana Tigraay] keessatti raawwatame sanarraa kan dhufedha. Inni sun waraana raayyaafi raayyaa gidduutti geggeeffamedha. Lolli riphee (guerrilla warfare) garuu adda. Tajaajila loojistiikiitiifi hawaasa irratti hirkata. Guyyaa guyyaa akkuma sivilitti hawaasa bira oolu. Walga’ii mootummaan qindeessu irratti argamu; odeeffannoo funaannatu; namoota dubbatan adda baafatu; halkan immoo tarkaanfii suukanneessaa fudhatu. Lolli gosa akkasii garmalee waxaxaafi ulfaataadha. Malli ittiin kana xumuruun danda’amu tokkichi, sammuu qurxummiitiin yaaduudha. Qurxummii garaba Atlaantiik yookaan Paasifiik keessa jiru hundumaa qabuu hin dandeessu. Isaaniin dhabamsiisuuf, galaanota sana gogsuun itti dhihaachuu qabda. Kanaafuu, Qurxummii dhabamsiisuuf Galaanicha  gogsuun murteessaadha” jechuun dubbate.

                      Fiqaaduu Tasammaa, Hoogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Oromiyaa, Mana Maree Naannoo Oromiyaa (Caffee) Adamaatti kan haasa’e, Gurraandhala 27, 2021.

                      Ummatni sivilii akka qaama eegamuu qabuutti osoo hin taane, akka “galaana” guddaa bal’aa tokkootti ifatti ibsuun Fekaduu Tasammaa dhiyeesse, tarsiimoo lafa gubuu kan erga buufatni ajajaa hundeeffamee as Wallaggaa keessatti raawwatamaa ture calaqqisiisa. Akkasumas, kun mootummaa irraa itti gaafatamummaa mootummaa keessaa isa ijoo ta’e—ummata eeguu—dhiisuu isaa agarsiisa; faallaa kanaanis, jiraattota naannolee kanaa gara gara-jabeenya humnoota hidhatanii Amaaraa saaxila.

                      As keessatti, jeequmsi Faannoo tarsiimoo mootummaa bal’aa, jechuun “galaana quranii qurxummii ajjeesuu,” kan jedhu, akka jabeessu ibsuun barbaachisaa dha. Kunis tooftaa hojii waraana finxaalessaa keessatti, jiraattota sivilii Adda Bilisummaa Oromoo (OLA) dahoo kennu jedhamee himataman irratti xiyyeeffachuu dha.

                      Walitti dhufeenya mootummaa fi Faannoo Wallaggaa keessatti qaban ifa gochuun murteessaa dha. Waliigalteen Faannoo fi mootummaa, erga Waliigalteen Pireetoriyaa humnoota Tigraayii fi mootummaa federaalaa gidduutti mallatteeffamee booda, gara walitti bu’iinsaa fi waraana guutuutti ce’uun isaa ifaadha. Haa ta’u malee, diinummaan sun walitti dhufeenya isaanii Wallaggaa keessatti mul’atu keessatti gara walitti bu’iinsa ifaatti hin jijjiiramne.

                      Akkuma maddoonni mootummaa keessaa jiran ibsanitti, mootummaa Finfinnee keessatti argamu Faannoo Wallaggaa keessa jiru akka balaa battalaa isa mudatuutti hin ilaalu. Kanaa mannaa, ummata mootummaa Abiy Ahimad ilaalcha isaa sabummaa Itoophiyaa irratti hundaa’e fudhachuu diduun fincila jedhamee ilaalamu laaffisuuf, akka michuu tooftawaatti isa fayyadama.

                      Deeggarsa Siyaasaa fi Walitti-hidhamiinsa Diinagdee – Gahee Qondaalota Sirnaa Keessatti Walitti Bu’iinsa

                      Gama diinagdee siyaasaa walitti bu’iinsichaa illee as keessatti ifa gochuun barbaachisaa dha. Waggoota digdama darban keessatti, lafti gadi-bu’aa Angar irraa gara Sulula Abayitti diriiru, keessumaa oomisha boqqolloo fi susa (sesame) irratti kan xiyyeeffate qonna daldalaa keessatti suuta suutaan naannawaalee hojii qonnaa daldalaa ta’aa dhufeera. Investaroota Oromoo fi Amaaraa, kanneen keessaa warri sadarkaa aanaa fi godinaatti aangoo mootummaa olaanaa qaban, lafa bal’aa walitti qabataniiru; qonnaaleen daldalaa kunneen humna hojii baqattootaa fi qubsiifamtootaa irratti baay’ee hirkatu.

                      Haala kana keessatti, lafti, humni hojii fi eenyummaan sabaa walitti hidhamaa waan jiranef, walitti-hidhamiinsi diinagdee deeggarsa siyaasaa fi eegumsa filannoo (selective protection) akka wantoota ijoo walitti bu’iinsicha keessatti hojjetan taasiseera. Kanarraa kan ka’e, qaamoleen mootummaa Oromiyaa keessa jiran, keessumaa sadarkaa godinaa fi aanaatti, yeroo baay’ee jeequmsa fi gochaalee dararaa gabaasuu, akkasumas humnoota nageenyaa mootummaa waliin ta’uun tarkaanfii fudhachuu irratti fedhii dhabuu ykn of qusachuu isaanii mul’ateera. Abbootiin qabeenyaa fi daldaltoonni siyaasaa-diinagdee kunneen qonna daldalaa isaanii itti fufiinsaan gaggeessuu fi bu’aa irraa argachuu isaanii, akka amanamutti, dhiyeessii humna hojii itti fufiinsa qabu irratti hundaa’a. Kun immoo, hiika isaatiin, aangoo qubsiifamtoota Amaaraa fi Faanoo sululoota kana keessatti jabeessuu fi cimsuu jechuu dha.

                      Wanti investaroonni fi qondaalonni mootummaa kunneen dursee tilmaamuu hin dandeenye garuu, gaafii qubsiifamtoonni ofiin of bulchuu irratti dhiyeessan, akkasumas Faanoon gaaffii kana galmaan ga’uuf raawwatuun, dhuma irratti lafa qondaalonni rent-seeking ta’an kunneen yeroo ammaa qabatanii jiran irraa isaan buqqisuu danda’uu isaati.

                      Walumaagalatti, Wallagaan bakka fedhii siyaasaa fi diinagdee qaamolee sadarkaa hedduu qaban itti wal dorgomanitti jijjiirameera. Haala kana keessatti, seenaa qubsiisaa durii fi babal’ina qonna daldalaa, akkasumas gaaffilee daangaa fi bulchiinsa lafaa sabaan hundaa’an, wal keessa seenaniiru. Faanoon Wallaga keessatti socho’u, akkuma namoonni tokko tokko jedhanitti, saamicha hidhannoo naannawaa qofaa miti; sochii bal’aa Faanoo Amaaraa naannoo Amaaraa keessatti socho’u keessaa tokko dha; kaayyoon isaas to’annoo daangaa fi Wallagaa dabalachuu (annexation) dha.

                      Yeroo OLA naannichatti argamuun sirna mootummaaaf sababaa uummata waloo adabuuf, akkasumas tajaajila hawaasaa daangessuuf ittiin fayyadamu kennu, gochoonni saamichaa gareewwan maqaa OLA fakkeessanii socho’an raawwatan immoo jireenya uummata idilee unbearable—kan obsaan danda’amu hin taane—taasiseera. Gareewwan siyaasaa Oromoo fi abbootiin qabeenyaa diinagdee Faanoo deeggaruu keessatti qaban, walitti bu’iinsicha irratti sadarkaa dabalataa fi walxaxaa ta’e uumeera.

                      Hirmaannaan kallattii OLA walitti bu’iinsa kana keessatti qabu ammallee ifa guutuu hin qabu. Haa ta’u malee, namoonni hedduun gaaffii tokko kaasaa jiru: yoo OLA uummata inni bakka bu’uuf fi falmuuf jedhuuf falmaa jiraate, maaliif uummata sana hin ittisu? Kanneen biroon immoo OLA mataan isaa Faanoo waliin qindaa’ee ykn waliin hojjechaa jiraachuu mala jechuun shakku.

                      Yoo tilmaamni kun dhugaa ta’e, wanta ani bakka biraatti ibse irra deebi’ee jabeessuun barbaada: daangaa garaagaraa keessatti, yeroo tumsi siyaasaa ijaaramaa jiru, tumsa hiika qabu kan hundeeffamuu danda’u warra yaadannoo seenaa wal fakkaataa kan tuffatamuu, cunqursamuu fi mirga ofiin of murteeffachuu (self-determination) isaanii irratti qabaniin walitti dhufan gidduutti qofa. Warra kaayyoo impaayerummaa ykn babal’ina mootummaa irratti hundaa’an waliin garuu, tumsa akkasii ijaaruun hiika dhugaa hin qabu.

                      Walitti bu’iinsa kana hunda keessatti, kan gatii guddaa kaffalaa jiru uummata sivilii dha

                      Walitti bu’iinsa iddoo adda addaa kana hunda keessatti, kan gaddisiisaa ta’ee, ba’aa rakkoo fi gidiraa guddaa baataa jiru uummata sivilii dha. Godinaalee Wallagaa lamaan keessatti, nageenyi yeroo gara yerootti hammaachaa dhufuu, qonnaa fi daldalli kufaatii keessa galuu, akkasumas dhaabbileen tajaajila bu’uuraa, kanneen akka dhaabbata fayyaa fi manneen barnootaa, diigamuu isaanii irraa kan ka’e jireenyi uummataa obsaan bira ga’amuun ulfaataa ta’eera. Dargaggoonni hedduun baqachuun gara magaalaalee fi gandoota naannoo sanaatti godaananiiru.

                      Dhumarratti, qaamoleen mootummaa Finfinnee jiran, tarkaanfii adabbii waloo (collective punishment) fi waraana bakka-bu’aa (proxy warfare) fayyadamuun nagaa waaraa fiduu akka hin dandeenye hubachuu qabu. Akkasumas, gareewwan Faanoo hundi haleellaa uummata nagaa irratti raawwachaa jiran fi Wallagaa irratti gaaffii daangaa fi lafa irratti dhiyeessaa jiran dhaabuu qabu. Gochoonni kunneen hariiroo nagaa fi tasgabbaa’aa Amaaraa fi Oromoo Oromiyaa keessatti ijaaruuf carraa jiru dadhabsiisuu malee bu’aa biraa hin qaban.

                      Share196Tweet123

                      Leave a Reply Cancel reply

                      Your email address will not be published. Required fields are marked *

                      • Trending
                      • Comments
                      • Latest
                      THE BATTLE BETWEEN ETHIOPIANISM AND OROMUMMAA: FROM THE THIRTEENTH CENTURY TO TODAY

                      THE BATTLE BETWEEN ETHIOPIANISM AND OROMUMMAA: FROM THE THIRTEENTH CENTURY TO TODAY

                      March 24, 2025
                      THE BATTLE BETWEEN ETHIOPIANISM AND OROMUMMAA: FROM THE THIRTEENTH CENTURY TO TODAY

                      WHY OROMOS MUST FIGHT FOR THE REBIRTH OF SOVEREIGN AND DEMOCRATIC OROMIA

                      August 18, 2025
                      THE PATH TO FREEDOM: MOBILIZING OROMOS FOR SECURITY AND SOVEREIGNTY

                      THE PATH TO FREEDOM: MOBILIZING OROMOS FOR SECURITY AND SOVEREIGNTY

                      August 4, 2025
                      “Namni dubbachuu sodaata malee kana achi ture Raayyaa Ittisa Biyyaati”

                      “Namni dubbachuu sodaata malee kana achi ture Raayyaa Ittisa Biyyaati”

                      0
                      Ajjeechaa Aanaa Jaardagaa Jaartee

                      Ajjeechaa Aanaa Jaardagaa Jaartee

                      0
                      Ajjeechaa Horroo Guduruu Wallaggaatti raawwatameef mootummaan gaafatama fudhachuu akka qabu ABO’n akeekkachiise.

                      Ajjeechaa Horroo Guduruu Wallaggaatti raawwatameef mootummaan gaafatama fudhachuu akka qabu ABO’n akeekkachiise.

                      0

                      Lola, Saamicha fi Gaaffii Abbaa Lafummaa Faannoo

                      August 25, 2026
                      Jawar Mohammed: Rise, Influence, and Controversy

                      Jawar Mohammed: Rise, Influence, and Controversy

                      August 11, 2026
                      Jawar Mohammed: Rise, Influence, and Controversy

                      Jawar Mohammed: Rise, Influence, and Controversy

                      August 1, 2026
                      Bakkalcha Oromia

                      Copyright © 2024 Bakkalcha Oromia.

                      Navigate Site

                      • About
                      • Privacy & Policy
                      • Contact

                      Follow Us

                      No Result
                      View All Result
                      • Home 2
                      • News
                        • Politics
                        • Business
                        • World
                        • Science
                      • Human Rights
                        • Human rights violations
                        • Justice
                      • Politics
                        • Oromia
                        • Ethiopia
                        • Africa
                        • World
                      • Articles
                        • Op-Ed
                        • Editorial
                        • Opinion
                        • Analysis
                      • Culture
                        • Music
                      • en English
                      • ao Oromo

                      Copyright © 2024 Bakkalcha Oromia.

                      Welcome Back!

                      Login to your account below

                      Forgotten Password?

                      Retrieve your password

                      Please enter your username or email address to reset your password.

                      Log In
                      Are you sure want to unlock this post?
                      Unlock left : 0
                      Are you sure want to cancel subscription?