Torban muraasa dura viidiyoorratti afaan ishee carqiin cuqqaalameefi miilli hidhamee yeroo dararaan irratti raawwatu kan mul’ataa turte shamarree Nahiimaa Jamaal gadhiifamuunshee gabaafameera.
Kibba Baha Oromiyaa magaalaa Shaashamanneerraa ka’uudhaan Caamsaa darbe imala godaansaa kan eegalte Nahiimaan, Liibiyaatti harka hidhattootaa bu’uudhaan dararaa ulfaataa keessummeessuteetti.
Hidhattoonni ishee ugguran “dolaara 6,000 (birrii 750,000) kaffaltan malee kanaan achi suuraa reeffa ishee isiniif ergina” jechuudhaan viidiyoo waraabanii maatii ishee dorsisaa turan. Boodarra maallaqni kun hunduu kaffalamee gara magaalaatti baasanii akka ishee gatan Nahiimaan dubbatteetti.
Nahiimaan erga gadhiifamtee booda turtii BBC Afaan Oromoo waliin taasifteen, Wiixata darbe gadhiifamuushee dubbattee haala keessa turtes ibsiteetti.
Mana maatii isheetii utuu barnoota kutaa 11ffaa barattuu ‘hojii hojjechuuf’ gara Liibiyaa akka deemteefi gara sanatti kan ergamte nama qe’eetti beektuun akka ta’e himti. “Hojiitu jira” jedhamtee sossobamtee akka ergamtes himteetti.
Nahiimaan “Haalli mana hidhaa keessaa baay’ee ulfaata” jetti. Mana hidhaa sana keessatti reebichi akka irratti raawwatamu, beelaan akka miidhamaniifi dararaan adda addaa akka jirus himteetti. Nyaanni akka hin jirreefi guyyaatti al tokko qofa mokoroonii nyaatanii akka jiraatan dubbatte.
Barnootashee addaan kuttee qe’ee maatiisheerraa deemuusheetti akka gaabbite kan himtu Nahiimaan, daandiin Liibiyaa jireenyaafi du’a gidduu waan ta’eef, namni karaa sana deemuu akka hin filanne dhaamteetti.
Namoota gammoojjii Sahaaraa keessa qaxxaamuranii biyya baqaa deemuu barbaadaniif dhaamsa dabarsiteen, “Utuu biyya isaanii keessa taa’anii wayya. Dararaa baay’eetu jira. Hiriyyoonnikoo karaarratti du’aniiru” jetti. Dargaggoonni lama gammoojjii Sahaaraa keessatti bishaan dheebotanii ishee biraa du’anii akka hafaniifi reeffa isaaniirra cirracha naqanii akka bira darban dubbatti.
Ammallee mana hidhaa isheen biraa baate keessatti lammiileen Itoophiyaa hafanii akka jiran himti. Ammallee Liibiyaama keessa akka jirtu kan himtu Shamarreen ganna 20 kun, haala nageenyasheef yaaddoo qabaachuu himti.
Godaantota qabanii qarshii gaafachuun, gidirsuun, nama dabarsanii walitti gurguruun Liibiyaa keessa akka jiru himamaa tureera. Dhaabbileen mirga namoomaa taatee Liibiyaa keessatti raawwatamu “daldala garbaati” jedhu.


































