Mootummaan Naannoo Oromiyaa raawwii hojii walakkaa waggaa gamaggamuuf Adaamaatti walga’ii taa’aa jira. Waltajjii kana irratti haasaa baniinsaa kan taasisan Perezedaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, qabxiilee yaa’iin kun irratti xiyyeeffatu 6 tarreessaniiru. Qabxiileen kun hunduu hanqina mootummaa naannichaa kan akeekan yommuu ta’u, akka waliigalaatti karoora mootummicha qabate milkaa’ina kan hin agarsiifne ta’uu kan ibsudha.
Qabxiin inni jalqabaa akka irratti xiyyeeffatamuuf obbo Shimallis akeekan, “Olaantummaa siyaasaa keenya maaliif mirkaneeffachuu dadhabne” kan jedhudha.
“Hojii Hoggansiifi miseensi keenya sadarkaa sadarkaadhaan jiru hojjetu olaantummaa siyaasaa keenya mirkaneessuu hin dandeenye” kan jedhan Obbo Shimallis, Nageenya mirkaneessuufi hiyyummaa balleessuun kan danda’amu yoo olaantummaa siyaasaa isaanii mirkaneessan qofa akka ta’e dubbatan.
Mootummaan ilaalcha siyaasaa isaa humnaan uummatatti fe’uuf ajjeechaafi hidhaa raawwataa akka ture gabaasaaleen yeroo adda addaatti ba’an kan mul’isan ta’ullee, obbo Shimallis haasaa isaanii kana keessatti “Rakkoo nageenyaa qawwee utuu hin taane siyaasatu injifata” jedhan.
Rakkoo nageenyaa kana furuuf kan fedhii hin qabne mootummaa ta’uun garuu irra deddeebiidhaan himamaa tureera.
Olaantummaa siyaasaa isaanii mirkaneessuu dadhabuudhaan rakkoon nageenyaa hammaachuu kan akeekan perezedaantichi, “Cabinsa gama kanaan jiru karaa hiikoo qabuun furmaata itti gochuu maaf dadhabne?” jedhanii akka gaaffiitti yaada kaasaniin mootummaa isaanii cabiinsu mudachuu akeekan. Obbo Shimallis, “Kaayyoo keenyatu uummata gurmeessuu dadhabemoo ilaalcha nuti irratti utubamnetu rakkoo uummataa hiikuu dadhabe?” jechuudhaan gaafatu. Haasaa kanaan mootummaan isaanii rakkoo uummataa hiikuu akka dadhabe mirkaneessan.
Qabxiin inni itti aanu, “Hojii keenya hunda maaliif gurmaa’insaan xumuruu dadhabne?” kan jedhudha.
Caasaan mootummaa hanga sadarkaa gandaatti jiru waan irraa eegamu akka hojjechuu hin dandeenyeefi akka mootummaan barbaadutti milkaa’ina argamsiisuu akka dadhabe dubbatanii kanaafis furmaata kennuuf waltajjiin tibbanaa sirriitti ilaalee murtii kennuu akka qabu akeekan.
Sadaffaa irratti ilaalamuu kan aabu “Hojiin misoomaa keenya maaliif qulqullina, ariitiifi baayinaan hojjetamuu dadhabe?” kan jedhu yommuu ta’u, hojiileen gama misoomaatiin hojjetaman baayina hiyyummaa cabsuu danda’u akka hin taane kan dubbatan perezedaantichi, ariitiin hiyyummaan ittiin babal’ataa jiru, ariitii jijjiiramni qilleensaa sadarkaa addunyaatti ittiin deemaa jiruufi ariitii baayinni uummataa ittiin dabalaa jiru ariitii hojii misoomaa hojjetamaa jiruutiin kan wal gitu akka hin taanes dubbatan.Hojiin mootummaan naannichaa hojjetu qulqullina akka hin qabneefi, gabaasni dhiyaatus qulqullina akka hin qabne ibsan.
Obbo Shimallis qabxii 4ffaa irratti “Tajaajilli hawaasaa maraammartoo hammana hin jedhamne keessa jira” jedhan.
Kenninsi tajaajila hawaasaa harkifataa ta’uusaatiin uummanni dhimmi isaa raawwatamuu dhabee deddeebi’aa akka oolu dubbatan. “Tajaajilli ni gurgurama; hanni jira” jechuudhaan mootummaan isaanii qixa sirrii ta’een uummata tajaajilaa akka hin jirre ibsan.
Qabxii ijoon “irratti xiyyeeffatamuu qaba” jedhanii obbo Shimallis kaasan dhimma hanqina hoggansaa ilaalchisee gaaffii dhiyaachaa jirudha.
“Gaaffii hoggansaa deebisaa hin jirru” kan jedhan Obbo Shimallis, Hogganoonni naannoorraa hanga gandaatti jiran ga’umsaan uummata tajaajilaafi hoggansa kennaa kan hin jirre ta’uus dubbataniiru. “Hoggansi keenya gaaffii hoggansaa jiru deebisuufi balaa nutti as deemaa jiru kana qolachuuf of qopheessaa jiramoo maal hojjetaa jira” jedhanii gaafatan. Balaan as deemaa jiru sun maal akka ta’e ibsuu baatanillee, mootummaan isaanii gaaffii hoggansaa uummanni gaafatu deebisuu akka dadhabe akeekaniiru. “Akkaataa amma jirru kanaan rakkoo kana injifachuu hin dandeenyu” jedhan.
Waltajjiin gamaggama raawwii hojii kun Guraandhala 4-6’tti guyyoota sadiif kan itti fufu yommuu ta’u, bu’aan isaa guyyaa dhumaatti kan ilaalamu ta’a.


































