• Latest
  • Trending
  • All
  • News
  • Business
  • Politics
  • Science
  • World
  • Articles
  • Politics
BADDANNOO HANGA EBS: Duula Maqa-balleessii

BADDANNOO HANGA EBS: Duula Maqa-balleessii

March 30, 2025
This map of Oromia is taken from Oromo Liberation Front's gallery

THE QUEST FOR OROMO SELF-DETERMINATION

February 16, 2026

The Two Ethiopias: The Mythical and the Real

December 25, 2025

Shawaa Lixaa Aanaa Noonnootti ‘hidhattoonni Faannoo’ namoota nagaa heddu haala suukanneessaa ta’een ajjeessan.

October 21, 2025
FROM KEROSENE LAMPS TO GLOBAL IMPACT: The Legacy of Gidda Ayana’s Class Of 1983

FROM KEROSENE LAMPS TO GLOBAL IMPACT: The Legacy of Gidda Ayana’s Class Of 1983

October 12, 2025
Fanno Amhara Militias Escalate Atrocities Against Oromo Civilians in Oromia

Fanno Amhara Militias Escalate Atrocities Against Oromo Civilians in Oromia

September 19, 2025
Irreecha: From Nature to Nation, Core Values of Oromo Culture: 

Irreecha: From Nature to Nation, Core Values of Oromo Culture: 

September 18, 2025
From Shared Purpose to Genuine Solidarity: Moving Beyond Empty Unity                 In Loving Memory of Kumsa Burayu, Devoted Advocate for Oromo Unity

From Shared Purpose to Genuine Solidarity: Moving Beyond Empty Unity                 In Loving Memory of Kumsa Burayu, Devoted Advocate for Oromo Unity

September 8, 2025
THE PATH TO FREEDOM: MOBILIZING OROMOS FOR SECURITY AND SOVEREIGNTY

WHY ABIY AHMED’S NEO-NAFXANYA GOVERNMENT HAS FAILED THE OROMO PEOPLE

September 1, 2025
THE BATTLE BETWEEN ETHIOPIANISM AND OROMUMMAA: FROM THE THIRTEENTH CENTURY TO TODAY

WHY OROMOS MUST FIGHT FOR THE REBIRTH OF SOVEREIGN AND DEMOCRATIC OROMIA

August 18, 2025
THE PATH TO FREEDOM: MOBILIZING OROMOS FOR SECURITY AND SOVEREIGNTY

THE PATH TO FREEDOM: MOBILIZING OROMOS FOR SECURITY AND SOVEREIGNTY

August 4, 2025

Shifting Political Alliances and the Enigma of Peace in Ethiopia

August 3, 2025
Baro Tumsa: The Principal Architect of the Oromo Liberation Front

Baro Tumsa: The Principal Architect of the Oromo Liberation Front

July 6, 2025
  • About
  • Privacy & Policy
  • Contact
Tuesday, February 17, 2026
  • en English
  • ao Oromo
  • Login
  • Register
Bakkalcha Oromia
  • Home
  • News
    • All
    • Politics
    • World
    Dhibdeen dipiloomaasii Aljeeriyaa fi biyyoota Sahel gidduutti hammaachuu isaa gabaafame.

    Dhibdeen dipiloomaasii Aljeeriyaa fi biyyoota Sahel gidduutti hammaachuu isaa gabaafame.

    Peresedaantiin Naamibiyaa lammiileen Ameerikaa sanada seeraa hin qabne biyya isaanii gadhiisanii akka bahan ajajje.

    Peresedaantiin Naamibiyaa lammiileen Ameerikaa sanada seeraa hin qabne biyya isaanii gadhiisanii akka bahan ajajje.

    Ajjeechaa Aanaa Jaardagaa Jaartee

    Ajjeechaa Aanaa Jaardagaa Jaartee

    “Sabboonummaan Oromoo Mootummaa ijaaruu qaba” Lammii Beenyaa.

    “Sabboonummaan Oromoo Mootummaa ijaaruu qaba” Lammii Beenyaa.

    Abjuun Somaaliyaa guddittii ijaaruuf Oromiyaa weeraruu ammas itti fufee jira.

    Abjuun Somaaliyaa guddittii ijaaruuf Oromiyaa weeraruu ammas itti fufee jira.

    ABO fi KFOn ‘Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa’ akka hundeessan amaanaan itti kenname.

    ABO fi KFOn ‘Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa’ akka hundeessan amaanaan itti kenname.

    “Mootummaan Itoophiyaa nama biyya hin qabne na gochuuf deema” Obbo Lidetuu Ayyaalew

    “Mootummaan Itoophiyaa nama biyya hin qabne na gochuuf deema” Obbo Lidetuu Ayyaalew

    “Isaayaas Afawarqii kaaba Itoophiyaatti walitti bu’iinsa haaraa kaasuuf hojjetaa jira”

    “Isaayaas Afawarqii kaaba Itoophiyaatti walitti bu’iinsa haaraa kaasuuf hojjetaa jira”

    “Mooraa Raayyaa Ittisa Biyyaa keessa turre” Jila Gadaa Karrayyuu.

    “Mooraa Raayyaa Ittisa Biyyaa keessa turre” Jila Gadaa Karrayyuu.

    Trending Tags

      Naannoo Oromiyaa Godina Shaggar magaalaa Sandaafaatti konkolaachistoonni #Baajaajii fi #Gaarii fardaa leenjii milishaa humnaan fudhataa jiraachuun beekame.

      Trending Tags

        • Africa
        • Oromia
        • Ethiopia
        • World
      • Articles
        • All
        • Analysis
        • Op-Ed
        • Opinion
        This map of Oromia is taken from Oromo Liberation Front's gallery

        THE QUEST FOR OROMO SELF-DETERMINATION

        The Two Ethiopias: The Mythical and the Real

        Irreecha: From Nature to Nation, Core Values of Oromo Culture: 

        Irreecha: From Nature to Nation, Core Values of Oromo Culture: 

        From Shared Purpose to Genuine Solidarity: Moving Beyond Empty Unity                 In Loving Memory of Kumsa Burayu, Devoted Advocate for Oromo Unity

        From Shared Purpose to Genuine Solidarity: Moving Beyond Empty Unity                 In Loving Memory of Kumsa Burayu, Devoted Advocate for Oromo Unity

        THE PATH TO FREEDOM: MOBILIZING OROMOS FOR SECURITY AND SOVEREIGNTY

        WHY ABIY AHMED’S NEO-NAFXANYA GOVERNMENT HAS FAILED THE OROMO PEOPLE

        THE BATTLE BETWEEN ETHIOPIANISM AND OROMUMMAA: FROM THE THIRTEENTH CENTURY TO TODAY

        WHY OROMOS MUST FIGHT FOR THE REBIRTH OF SOVEREIGN AND DEMOCRATIC OROMIA

        THE PATH TO FREEDOM: MOBILIZING OROMOS FOR SECURITY AND SOVEREIGNTY

        THE PATH TO FREEDOM: MOBILIZING OROMOS FOR SECURITY AND SOVEREIGNTY

        Shifting Political Alliances and the Enigma of Peace in Ethiopia

        Baro Tumsa: The Principal Architect of the Oromo Liberation Front

        Baro Tumsa: The Principal Architect of the Oromo Liberation Front

        Trending Tags

          • Opinion
          • Op-Ed
          • Editorial
          • Analysis
        • Human Rights
          • All
          • Human rights violations
          • Justice
          Battee Urgeessaa Biiftuu ifaa lixedha!

          Battee Urgeessaa Biiftuu ifaa lixedha!

          “Namni dubbachuu sodaata malee kana achi ture Raayyaa Ittisa Biyyaati”

          “Namni dubbachuu sodaata malee kana achi ture Raayyaa Ittisa Biyyaati”

          Biyyoota Afrikaa gaazexeessitoota haala hamaan hidhan keessaa Itoophiyaan tokko ta’uun ibsame.

          Biyyoota Afrikaa gaazexeessitoota haala hamaan hidhan keessaa Itoophiyaan tokko ta’uun ibsame.

          Itoophiyaatti bara 2024 sarbiinsi mirga namoomaa “hammaataan” mudachuu Human Raayits Waach gabaase.

          Itoophiyaatti bara 2024 sarbiinsi mirga namoomaa “hammaataan” mudachuu Human Raayits Waach gabaase.

          Trending Tags

            • Justice
            • Human rights violations
            • Music
          • Culture
            Irreecha: From Nature to Nation, Core Values of Oromo Culture: 

            Irreecha: From Nature to Nation, Core Values of Oromo Culture: 

            Trending Tags

              • Music
            No Result
            View All Result

                      Home Articles

                      BADDANNOO HANGA EBS: Duula Maqa-balleessii

                      Lammii Beenyaa Qajeelaa

                      March 30, 2025
                      in Articles
                      0
                      BADDANNOO HANGA EBS: Duula Maqa-balleessii
                      702
                      SHARES
                      2k
                      VIEWS
                      Share on FacebookShare on Twitter

                      Qabsoo Oromoo cilee dibuudhaan firaa fi halagaan jibbisiisuuf duula dhaabbataan gaggeeffamaa ture. Duulichi haaraa osoo hin taane, itti fufa duula sabicha maqaa hin malleef kennuufiin xiqqeessuu, halagoomsuu, moggeessuu fi hammeessuu akka tarsiimoo dhaabbataatti fudhatedha. Seenaa Itoophiyaa keessatti maqaan Oromoo gaarummaan ka’ee hin beeku. Sabichi dhalataa gaanfa Afriikaa osoo hintaane galaana keessaa kan bahe, ykn Afriikaan ala, fakkeenyaaf, Maadakaaskaar irraa dhufe jedhamees ololamee ture. Lafa Oromoon har’a irra qubate kanaaf illee isaan biraa beekamtiin hin kennamne. Lola jaarraa 16ffaa qooda fudhattoota Faranjii fi Arabootaa hirmaachise, kan Kiristaanonnii fi Isilaamonni daboo halagaa walitti kadhatanii lafarraa wal duguugan, Oromoon nutti duulee lafa keenya nurraa fudhate, mootummaa keenya diige, amantii keenyatti roorrise jedhanii hadheeffataa turan. Taatee jaarraa 16ffaa sanas hanga har’aatti ‘Weerara Oromoo’, ‘babal’annaa Oromoo’ jedhanii jallisanii waamu. Duula gargaarsa faranjiitiin jaarraa 19ffaa keessa Oromootti duulan ammoo gama tokkoon hamuummii koloneessitootaa hambisuuf, gama biraan ammoo daangaa Itoophiyaa duraanii deebisuuf duula eebbifamaa gaggeeffame jedhu. Duula Oromoon itti cabe sanas duula kolonummaa osoo hin taane, waamicha hammannaa (incorporation) fedhiirratti hundaa’e tolchanii warqee lommoxame fakkeessuu yaalu. Hundeeffama Itoophiyaa booda gidiraa Oromoon impaayera kana keessatti arge dhaga’uufis, beekamtii kennuufis hanga har’aatti fedhii hin godhanne. Inumaa lakkoofsa sabichaa, qabeenya isaa, qubsuma isaa fi seenaa duubbee isaa ilaaluun ‘sabni kun galaana, gaaf tokko nurra dhangala’a’ yaacii jedhuun waan sabichi maqaa itti dhahamu hunda xiqqeessuu, hammeessuu, halagoomsuu fi moggeessuun tarsiimoo dhaabbataa jaraa ta’ee itti fufe.

                      ABOn ifatti hundeeffamee hariiroo Oromoo fi Itoophiyaa jidduu jiru hariiroo koloneessaa fi kolonaawaa tolchuun hariiroo sana jijjiiruuf ifatti impaayera Itoophiyaa waliin lolatti seenuun isaan yaaddoo fi sodaa durumaan ture daran hammeessee olola dhaabbataa barri jijjiiruu hin dandeenye akka gaggeessan isaan taasise. Jaarmiyoonni ABO booda dhalatanis ta’e namoonni dhuunfaa qarriffaa olola isaanii miliquu hin dandeenye. Hiree argame hundaan Oromoo carraa siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa fi dippiloomaasiirraa fageessuun akka inni humna hin taane, akka inni dhageettii hin horanne, akka inni addunyaa har’aa keessaa qooda ija qabu hin bahanne danqaa dhaabbataa itti danqaruun alatti, hayyoota halagaa kanneen akka Donald Levin, Harold Marcus, Edward Ullendorff  kkf tti fayyadamuun sabicha agartuu addunyaa duratti seenaa dhabsiisuu, xiqqeessuu fi laamshessuu yaalan.

                      Qabsoon Oromoo jabaataa gaafa deemus, olola qindaa’aan irratti gaggeeffus dabalaa deeme. Jalqaba, qabsoo bilisummaa Oromoo qabsoo faana Yugozilaaviyaa irratti impaayera Itoophiyaa diiguuf akeekkate tolchanii hamma danda’an addunyaatti lallabatan. Oromiyaan cituu jechuun Itoophiyaan diigamuu jechuudha, Yugozilaaviyaa taane jechuudha, jedhanii biyyoota aanga’oota fatansoo hiree jireenya dhala namaarratti murteessaa oolanitti ololan. Ololli sun baay’een isaa diraamaa sobaa itti yaadamee kalaqameen dabaalamaa ture. Diraama sana keessaa muraasa haa ilaallu:

                      DIRAAMAA BADDANNOO:

                      Bara 1991 akkuma Darguun kufee jijjiiramni sirnaa dhufeen WAYYAANEEn kophee Darguu keessa dhaabattee ABO loluuf halkan tokkoof illee aara hin galfanne. Lola dhaabbataan bakka adda addaa ture. Lola humna lama gidduutti gaggeeffame sana Wayyaanonni kallattii biraa qabsiisuun walitti bu’iinsa sabummaa kaasanii, cidiitti abidda naqanii, hammeenya qindaa’aa conspiracy siyaasaa wal xaxaa ta’e qopheessuun saba Amaaraa ofumaa rukutanii yookaan akka waan rukutamee fakkeessanii ololan. Taammiraat Laayinee, qondaalli EPRDF oggaa sanaa An Account of The Bedeno Massacre As Told By Survivors jedhee barruu fuula sagalii qopheesse keessatti Amaarri 154 ta’an bakka ‘Hinquuftuu’ hammeenyaan ajjeefamanii qilee keessatti gataman jedha. Barruun sun booda babal’atee olola guddaaf oole. Dippiloomaatota heddu bira geessanii qabsoo Oromoo maqaa balleessuuf irratti hojjetan. Booda Viidiyoo biyya Ruwaandaa, kan sabni Hutuu fi Tuutsii jedhaman lamaan ittiin wal fixan fiilmii agarsiisurraa ergifatanii ajjeechaa Baddannoo jedhame sana viidiyoon agarsiisanii Oromoo jibbisiisuurratti hojjetan. Diraamaan sobaa waa’ee ajjeechaa Baddannoorratti hojjetame sun hanga har’aatti hin qulqulloofne. Ololli sun olola ta’ee itti fufe. Ololli Arba-Guuguus itti fufa olola sanaati malee haaraa hin turre.

                      ADDIS ABABA AS BAGHDAD:

                      Fiilmiin kun yeroo dhihoo, waggaa kudhan dura, hojjetame. Fiilmii sanarratti humni Oromoo fi Ertiraa waliin ta’uun Finfinnee Baagidaad taasisuuf akka socho’anitti mul’ata. Fiilmichi shifoo 22:51 dheerata. Humni Ertiraa koloneel Xaa’ameen durfamu, humna Oromoo Faqqadaa Abdiisaan durfamu bobbaasee Finfinnee barbadeessuuf leenjii dheeraa akka fudhate, adeemsi isaas qindaa’aa, wal xaxaa, shororkeessitoonni leenjii al-Qaeda fi al-Shabab caalu kan itti fudhatan ta’uu ibsa. Diraamaan sun TV Itoophiyaan dhihaate. Sanaanis qabsoon Oromoo bilisummaaf osoo hin taane shororkeessummaa ta’uu ittiin ummata biyya kanaa gowwoomsuuf dhimma itti bahan. Ololli sun ammayyuu You Tube irra jira.

                      BURAAYYUU, SHAASHAMANNEE:

                      Bara 2018, jalbultii ABOn biyyatti deebi’u, dargaggoota homaa hin beekne kakaasanii jeequmsa uumuun, Oromoon Finfinnee keessatti ABO hin simatu jedhanii wal gurmeessan. Walitti bu’iinsa sababa sanaan uumame akka waan Oromoon saba biraa lafarraa fixuuf ka’eetti qindeessanii, lakkoofsa nama du’ees dachaa hedduun dabalanii, hanga har’aatti ololaa jiru. Ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa hordofee aarii uumameen namoonni walitti bu’anii lubbuu walitti bu’iinsa sana keessa darbe akka waan Amaara lafarraa fixuuf ka’ameetti qindeeffame.

                      GAAWWAA QAANQAA:

                      Sadaasa 2, 2020, Waraanni Bilisummaa Oromoo mana barumsaa keessatti nama 54 fixe jedhamee ololame. Gabaasa sanaan paarlaamaa Itoophiyaa mana booyichaa taasisan. Dubbii gaafa sana jalqabaniin Waraana Bilisummaa Oromoo shororkeessummaan farrajan.

                      TOLEE fi MACHAARAA:

                      Waxabajjii 2022 Toleetti Amaarri 554 ajjeefamuu, Machaaraatti ammoo namni 308 ajjeefamuu afaan mootummaarraa dhageenye. Ajjeechaa jedhame sanaan kan yakkame ammoo Waraana Bilisummaa Oromooti. Ajjeechaan sun duguggaa sanyiiti, Amaarri lafarraa dhume, kkf jedhamee golee addunyaa hundatti obonboleettii dheekkamsaa kaasise. Qabsoo Oromoos qabsoo Amaara lafarraa fixuuf gaggeeffamu fakkeessan. Lakkoofsa nama ajjeefame jedhamee fi qaama ajjeese jedhamee hanga ammaatti namni qoratee dhugaa ifa baase hin jiru. Waan hunduu qaama ololaa ta’ee itti fufe.

                      HAROO:

                      Sadaasa 29, 2022, Godina Wallaggaa Bahaa aanaa Kiiramuu bakka Haaroo jedhamee beekamutti Oromoon lakkoofsaan 48 ta’u humnoota Faannoon ajjeefaman. Namni hedduunis lubbuu baafatee baqate. Dhugaan Oromoota 48 sanaa garuu awwaalamee kan ajjeefame Oromoo utuu hin taane Amaara, kan ajjeeses Faannoo utuu hintaane Waraana Bilisummaa Oromoo ta’uu ololli miidiyaa lafa dhiphise. Dhaabbanni Amhara Association in North America jedhus maqaa daddabsuun tarree namoota ajjeefaman jedhamee ifa taasisee kan ajjeefame Amaara ta’uu falme. Hanga har’aatti dhugaan sun ololaan haguugamee hafe.

                      DHIMMA BARATTOOTA DAMBIDOOLLOO:

                      Tarii ololli yeroo dheeraaf qabbanaa’uu dide waa’ee butamuu barattoota Yunivarsiitii Dambidoolloo jedhameeti. Dubbiin sun soba qabsoo Oromoo maqaa balleessuuf qindeeffame ta’uu irra deddeebiin falmameera. Garuu diraamaa sobaa sana qulqulleeffachuu osoo hin taane hunduu bu’aa siyaasaa keessaa argatu gaaduuf tattaafate. Bakka barataan tokkoyyuu hin butaminitti tarree maqaa nama 17 dhiheessuun boochuu fi boochistuu ta’anii as bahan. Dhaabni siyaasaa diraamaa sanaan nagade. Manneen amantii diraamaa sanaan watwaate. Diyaasporaan diraamaa sanaan hiriiree daandiitti bahee wace. Miidiyoonni ajandaa hin qabbanoofne taasifatan. Diraamaan sun gariif bu’aa siyaasaa, gariif bu’aa dinagdee argamsiise.

                      EBS:

                      Miidiyaan EBS jedhamu kunis akeeka lamaaf diraamaa Burtukaan qindeessuu danda’a. Tokko, akkuma baratame qabsoo Oromootti cilee dibuun dheekkamse uumee, boochuu fi boochistuu as baasee, akeeka dhokataa durumaan tarkaanfachiisu itti fufsiisuu barbaade. Akkaataa dubbii qindeessitoota diraamaa sanarraa jibbiinsa isaan Oromoof qaban ifatti mul’ata: ‘Ka indezii aynet hizbi gaar new inde yemininorew?’ jettee yeroo gaafattu ifatti mul’ata. Yakka jedhame sana qaama tokkotu raawwate jedhamee yoo himatame, ummanni ammoo akkamiin juumlaatti farrajamee hadheeffame? Kan lammataa, EBS miidiyaa dhuunfaa waan ta’eef diraamaa kijibaa sanaan gaggaba dinagdee bahachuu barbaade. Miidiyaa haqa namaaf dhaabbate of fakkeessee dureessota habashaa biraa maallaqa folquu barbaade. Utuu dubbannuu, miidiyaan of danda’ee haala ulfaataa ammaa keessatti dinagdeen of danda’ee jiraate EBS qofaadha. Maddi maallaqa isaatii eessa? Eenyutu isa hirpha?

                      Walumaagalatti, duulli maqa-balleessii qabsoo Oromoo fi ummaticharratti gaggeeffamu hin dhaabbanne. Olola akkasii akka sabaatti ofirraa qolachuu barbaachisa. Oromoon miidiyaa jajjabaa olola qindaa’aa ittiin ofirraa qolatu hinqabu. Mooraa qabsoo isaa keessattis atakaaroon mul’atu wal faana dhaabbachuurra wal dura dhaabbachuun akka waan bu’aa buusuutti ilaalamaa jira. Jaarmiyaa jajjabaatti itituu dadhabuu, garaagarummaa waliif obsuu diduu (refusing to tolerate differences), fi waan xixiqqoon walitti dallanuun saba keenya kasaaraa hin malletti geessa. Olola ololaan cabsuuf yaadaa fi qalbiin tokko ta’uu gaafata.

                      Nagaan,

                      Lammii Beenyaa

                      Share281Tweet176

                      Leave a Reply Cancel reply

                      Your email address will not be published. Required fields are marked *

                      • Trending
                      • Comments
                      • Latest
                      THE BATTLE BETWEEN ETHIOPIANISM AND OROMUMMAA: FROM THE THIRTEENTH CENTURY TO TODAY

                      THE BATTLE BETWEEN ETHIOPIANISM AND OROMUMMAA: FROM THE THIRTEENTH CENTURY TO TODAY

                      March 24, 2025
                      THE BATTLE BETWEEN ETHIOPIANISM AND OROMUMMAA: FROM THE THIRTEENTH CENTURY TO TODAY

                      WHY OROMOS MUST FIGHT FOR THE REBIRTH OF SOVEREIGN AND DEMOCRATIC OROMIA

                      August 18, 2025
                      THE PATH TO FREEDOM: MOBILIZING OROMOS FOR SECURITY AND SOVEREIGNTY

                      THE PATH TO FREEDOM: MOBILIZING OROMOS FOR SECURITY AND SOVEREIGNTY

                      August 4, 2025
                      Somaaliyaatti lammiileen Itoophiyaa sadii humnoota nageenyaafi uummataan ajjeefamuun dhaga’ame.

                      Somaaliyaatti lammiileen Itoophiyaa sadii humnoota nageenyaafi uummataan ajjeefamuun dhaga’ame.

                      0
                      ABO fi KFOn ‘Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa’ akka hundeessan amaanaan itti kenname.

                      ABO fi KFOn ‘Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa’ akka hundeessan amaanaan itti kenname.

                      0
                      Abjuun Somaaliyaa guddittii ijaaruuf Oromiyaa weeraruu ammas itti fufee jira.

                      Abjuun Somaaliyaa guddittii ijaaruuf Oromiyaa weeraruu ammas itti fufee jira.

                      0
                      This map of Oromia is taken from Oromo Liberation Front's gallery

                      THE QUEST FOR OROMO SELF-DETERMINATION

                      February 16, 2026

                      The Two Ethiopias: The Mythical and the Real

                      December 25, 2025

                      Shawaa Lixaa Aanaa Noonnootti ‘hidhattoonni Faannoo’ namoota nagaa heddu haala suukanneessaa ta’een ajjeessan.

                      October 21, 2025
                      Bakkalcha Oromia

                      Copyright © 2024 Bakkalcha Oromia.

                      Navigate Site

                      • About
                      • Privacy & Policy
                      • Contact

                      Follow Us

                      No Result
                      View All Result
                      • Home 2
                      • News
                        • Politics
                        • Business
                        • World
                        • Science
                      • Human Rights
                        • Human rights violations
                        • Justice
                      • Politics
                        • Oromia
                        • Ethiopia
                        • Africa
                        • World
                      • Articles
                        • Op-Ed
                        • Editorial
                        • Opinion
                        • Analysis
                      • Culture
                        • Music
                      • en English
                      • ao Oromo

                      Copyright © 2024 Bakkalcha Oromia.

                      Welcome Back!

                      Login to your account below

                      Forgotten Password? Sign Up

                      Create New Account!

                      Fill the forms below to register

                      All fields are required. Log In

                      Retrieve your password

                      Please enter your username or email address to reset your password.

                      Log In
                      Are you sure want to unlock this post?
                      Unlock left : 0
                      Are you sure want to cancel subscription?