Mootummaan Itoophiyaa dirqama nageenya lammiilee tiksuu utuu qabuu, humnoota finxaalessa daguuggaa sanyii kaayyoo godhatanii ijaaramaniif bobaa banee callisuun maal na dhibdeen guutamuu isaa hubachiisa jedha ibsa isaa kanaan ABO’n.
Dhimma ajjeechaa Horroo Guduruu Wallaggaa Jaardagaa Jaarteetti raawwateen wal qabatee ibsa har’a kenne kanaan addi Bilisummaa Oromoo ajjeechaa raawwate kana bu’aa siyaasaaf kan raawwatamedha jedheera. Akeekni ajjeechaa akkanaa, bu’aa siyaasaa argachuuf ajjeechawwan gara jabinaan guutaman kana callisaan ilaaluun mootummaa gara-jabummaa fi maal na dhibdee irraa madda jedha ibsi kun.
Mootummaan Itoophiyaa naatoo fi marartee ummata Oromoof dhabuun haaraa ta’uu baatus, sana irra darbee inumaa lubbuu lammiilee nagaa akka baalaa harca’uuf dantaa dhabuun, dhiiga ummata qulqulluu dhangala’u kana irraa callisuu fi dhoksuu filachuun isaa hammeenyi inni qabu hagam ulfaataa ta’uu kan agarsiisuu dha jedheera.
Waggoota Shanii oliif ajjeechaan qe’ee ummata nagaa Oromoo keessatti raawwatamaa ture har’as furmaata dhabee itti fufee argamuu isaa ABO’n caqaseera.
https://bakkalchaoromia.com/2025/04/07/ajjeechaa-aanaa-jaardagaa-jaartee/
Ajjeechaawwan fuula garagaraa qaban, kan kaayyoon isaanii bu’aa siyaasaa irraa maddu kun akka dhaabbatu yeroo hedduu gaafatame. Gaaffii ummatni nageenyi isaa akka tikfamuu fi bakkatti deebi’uuf gaafatu garuu deebii gahaa argatee hin beeku jedha.
Ummatni keenya daangaa irraa akka qabdiitti dhimmi itti bahamuun, yeroo barbaadanitti Jimlaan hidhuu, Jimlaan ajjeesuu, mana isaa irratti gubuu, qabeenya irraa saamuu fi jireenya isaa dhabamsiisuun jiitessuun hararaafamaaf oolchaniiru. Keessayyuu ganna 7n darbaniif jiruu fi jireenya dhabee korkodamee taakalamee akka jiru ragaa guutuu waliin argaa jirra jedha.
Ajjeechaan maqaa humnoota shororkeessaa Faannoo jedhu kanaan Oromoo irratti raawwataa turee fi jiru kan mootummaan bobaa baneefii daangaa Oromiyaa haga barbaadanii fi karaa fedhan cabsanii seenanii yakka raawwatan kana irraa bu’aa siyaasaa argachuuf akka tooftaatti kan dhimma itti bahu tahuun haala turee fi jiru irraa ni hubatama kan jedhu ABO’n, ajjeechaan kun Faannoon raawwatus mootummaan quba akka qabu akeeka.
Mootummaan dararaa fi miidhama hawwaasaa kana dhaabsisuu dadhabee osoo hin taane, bu’aan karaa kana argadhu ni caala ejjennoo jedhu qabatee, humnoonni hidhatan wayita hawwaasatti dhukaasa banan akka nama hin arginee ija irraa qabatuu filate kan jedhutti amanna. Haalli kun sabaa fi saba gidduutti dhibdee kan uumu, du’a lammiilee nagaa kan babal’isu ta’uu mootummaan hubatuudhaan itti gaafatama nageenya ummataa mirkaneessuu of harkaa qabu hojiitti hiikuutu irra ture. Kana gochuu hanqachuun isaa ummata keenya gatii kafalchiisaa jira jedhee jira.
Dhumaatii deddeebi’ee golgaa humna goolessaa Faannootiin ummata keenya nagaa daangaalee Oromiyaa naannoo Amaaraatiin waldaangessan jiraatu irra gahaa turee fi jiruuf kan itti gaafatamu Mootummaa Federaalaa, Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa ta’uu ibsa kanaan hubachiiseera. Uummatni mirga of ittisuu akka qabus dhaameera.


































