Guyyaa kaleessaa Caamsaa 4/2025 hidhattoonni Amaaraa Faannoo jedhaman kanneen beekamtii mootummaatiin Oromiyaa keessa socho’anii lubbuu ilmaan Oromoo gaaga’aa turan Godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa bakka gaara Dichoo jedhamutti konkolaataa uummataa dhaabuudhaan dhiirota konkolaaticha keessa jiran filatanii fudhatanii akka deeman gabaafameera.
Bakka kanatti ammaan duras konkolaataatti dhukaasa bananii namoota hedduu kan ajjeesaniifi gariin butanii kan deeman yommuu ta’u, kaleessas konkolaataa uummataa gara Finfinnee deemaa jiru dhaabsisuudhaan dhiirota qofa namoota 10 ol fudhatanii deemaniiru. Hanga odeeffannoon kun qindaa’etti qaamni mootummaa dirmannaa taasisee lubbuu namoota kanaa baraaruuf yaalii inni taasise hin jiru.
Hidhattoota Faannoo kan naannoo Amaaraa keessa jiran mootummaan humna qabuun itti duulee lolaa kan jiru ta’ullee, Faannoo kanneen Oromiyaa keessa socho’an garuu mootummaatu tumsa jedhamee himama.


































