Mootummaan Keeniyaa kutaalee kaaba biyyattii; Marsaabiit fi Isiyooloo keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo irratti oppireeshinii waraanaa eegaluu isaa ibseera.
Oppireeshinii kanas maqaa “Yakkamtoota Baasuu” jedhu itti moggaasuudhaan Wiixata Guraandhala 03, 2025 kan eegale yommuu ta’u, xiyyeeffannoon isaa iddoo dahannoo WBO qulqulleessuuf akka ta’e poolisiin Keeniyaa ibseera.
Oppireeshiniin kun erga mootummaan Itoophiyaa fi Keeniyaan waliin ta’uudhaan WBO yakkoota adda addaa naannawa kana keessatti raawwachuutiin himatanii booda eegale.
Bara darbe ji’a Hagayyaa gara dhumaa aanga’oonni Tajaajila Nageenyaa fi Tika Biyyaalessaa biyyoota lamaanii Finfinneetti wal arguun hidhattoota daangaa irratti, akkasumas Keeniyaa keessatti ‘hojii shororkeessummaa raawwatan’ jedhan qolachuu irratti oppireeshinii cimsuuf kallattii haaraa kaa’uu ibsanii turan. Yeroo sanatti mootummoonni lamaanuu Waraana Bilisummaa Oromoo fi Al-Shabaab walitti fakkeessanii dhiyeessan. Waraanni Bilisummaa Oromoo gamasaatiin, Al-Shabaab waliin hariiroo akka hin qabne eeruudhaan, himannaan dhiyaate sun fudhatama akka hin qabne ibsee balaaleffatee ture.

Mootummaan Itoophiyaa fi Keeniyaa waliigaltee walii mallatteessuun oppireeshinii waloo Waraana Bilisummaa Oromoo irratti gaggeessuuf qophiirra jiraachuu Keeniyaatti Ambaasaadarri Itoophiyaa Baacaa Dabalee Fulbaana darbe himanii turan.
Oppireeshiniin hidhattootarratti gaggeeffame kun erga Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo aangoo qabatanii kan jalqabaa yoo ta’u, marii pirezidantichi aanga’oota Itoophiyaa waliin taasisan hordofee torbanoota keessatti raawwate.
Ji’a darbe Wiiliyaam Ruutoon Daarektara Tajaajila Nageenyaa fi Tika Biyyaalessaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen waliin mari’atanii turan.
Keeniyaan “tarkaanfiin kun qaamolee seeraan ala socho’anii fi yakkoota adda addaa irratti bobba’anii jiran, kanneen nageenya biyyaalessaa Keeniyaaf yaaddoo ta’an irratti kan fuulleffatedha” jetteetti.
Gochi qaamolee ‘yaaddoodha’ jedhaman kanaa daddabarsa namootaa, meeshaalee waraanaa fi qorichoota adda addaa, seeraan ala albuuda baasuu, uummata gosaan walitti buusuu fi namoota ukkaamsanii maallaqa gaafachuu dabalata.
Waraanni Bilisummaa Oromoo waraana Keeniyaa waliin lola tokkollee akka hin qabnee fi isaan loluufis akeeka akka hin qabne ibse. Mootummaan Itoophiyaa yakka kan raawwatu Waraana Bilisummaa Oromoo akka ta’e fakkeessee mootummaa Keeniyaa amasiifachuudhaan lola kanatti kan seene yommuu ta’u, lolli Waraana Bilisummaa Oromoo mootummaa Itoophiyaa qofa waliin ta’uu WBOn ibseera.
Mootummaa Keeniyaa waliin wal loluuf WBOn akeeka kan hin qabne ta’ullee, karaa Itoophiyaatiin yoo dhufan garuu ofirraa ittisuun dirqama akka ta’es hubachiiseera.
Mootummaan Keeniyaa ammaan duras gama mootummaa Itoophiyaa goruudhaan, hogganoota ABO Keeniyaa keessatti qabee hidhuufi of keessaa ari’uu dabalatee qaroowwan akka Tasfaahun Camadaafaa mootummaa Itoophiyaaf dabarsee kennuudhaan akka ajjeefaman taasiseera. Bara 2015 haaluma wal fakkaatuun hayyuu argaa-dhageettii Oromoo kan ta’an Dabbasaa Guyyoo dhabamsiisuudhaan mootummaan Keeniyaa yakka seenaa dalageera. Ammas gocha isaa kana itti fufuuf mootummaa Itoophiyaa waliin wal tumsee WBO irratti duula waraanaa geggeessuu eegale.


































