Itoophiyaa keessatti hakimoonni ‘sababa mindaa isaanii gaafataniif’ hidhaman jiraachuu Waldaan Ogeessota Fayyaa Itoophiyaa ibseera. Ogeessonni fayyaa gaaffiin isaanii osoo hin furamiin dhiibbaa hedduu jalatti hojjechaa akka jiran waldichi ibsee, kanaafis yaaddoo qabaachuu hubachiise.
Waldichi yaa’ii waggaa ogummaa fayyaa 61ffaa fi agarsiisa fayyaa idil-addunyaa Guraandhala 14–15 bara 2025 Finfinneetti gaggeeffamu ilaalchisee ibsa baaseen, “Doktooronni biyya keenyaa dhiibbaa hedduu dandamatanii hojii itti fufanis, bara kana hakiimonni hojii isaaniif kaffaltii dhabuun isaan mudateera,” jedhe.
Itti dabaluun, “naannolee tokko tokko keessatti ogeessonni fayyaa sababa mindaa isaanii hin kaffalamiin ture gaafataniif hidhamaniiru” jedhe.
Kana malees, hakiimota biratti hoji dhabdummaan dabalaa dhufuu isaatiin alatti, kanneen sababii dhukkuba adda addaatiin yaala fayyaa hatattamaa barbaadan, dafanii yaala sirrii argachuu waan hin dandeenyeef lubbuu isaanii dhabaa akka jiranis ibseera.
Waldichi rakkoowwan kanneen irratti qondaaltota waliin marii akka gaggeesse eeruun, “guddina rakkoo kanaa yoo ilaalle, ammallee qooda fudhattoota hedduu irraa deebii qabatamaa barbaada” jechuun cimsee ibseera.
Yaa’ichi qormaata doktoroota qofa osoo hin taane ogeessota fayyaa hunda mudatu irratti ogeeyyii damee kanaa beekamoo ta’an waliin marii ni mijeessa jedhamee akka eegamu eereera.
Kutaa biyyattii adda addaa keessatti ogeessonni fayyaa sababa miindaan isaanii baatii sadii oliif hin kaffalamiin tureef mormii hojii dhaabuufi hiriira ba’uu geggeessaa turaniiru. Sababa kanaafis tajaajilli yaala fayyaa haala barbaadamuun uummataaf kennamuuf rakkoon mudatee ture. Keessumaa rakkoon kun Naannoo Kibba Itoophiyaatti bal’inaan mul’achaa kan turedha.


































