Namoota muraasa Itoophiyaa keessaa barnoota saayinsii siyaasaatiin sadarkaa olaanaarra ga’an keessaa tokko Prof. Mararaa Guddinaati. Ogummaa isaanii kanaan waggoota dheeraaf Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa ta’anii tajaajilaniiru. Siyaasa Itoophiyaa keessattis bara Hayilesillaaseerraa kaasee hanga ammaatti ejjennoo dhaabbataafi ifa ta’e qabatanii hirmaannaa ho’aa taasisaa jiru. Umurii isaanii kanaan jijjiiramoota siyaasaa Itoophiyaa keessatti ta’aa turan baay’ee ijaan arganii keessattis hirmaataniiru. Prof. Mararaan Jijjiiramni hanga ammaatti taasifame hiikkoo kan hin qabne ta’uusaatti amanu. Kanaafis sababni “dubbiin aangoo jijjiiramuu diduusaati” jedhu. Hayilesillaaseen kufee isa caalaa hamaa kan ta’e Dargiin aangoo qabatee, Dargiin kufee isa caalaa hamaa kan ta’e ADWUIn angoo qabatee, ADWUIn kufee ammas isa caalaa hamaa kan ta’e Biltsiginnaan aangoo qabateera. Kanarraa ka’uudhaan, dubbiin aangoo jijjiiramuu waan dideef jijjiiramni argamu hiika ykn bu’aa dhabe jedhanii amanu. “Jijjiiramni dhufe hunduu gara gadheetti malee gara gaariitti jijjiiramuu hin dandeenye” jedhu. Jeequmsa tokkorraa gara jeequmsa biraatti jijjiiramuu malee gara fooyya’insa qabutti jijjiiramuu dadhabuunsaa jijjiiramichi bu’aa fiduu akka hin dandeenye taasiseera.
“DIMOKIRAASIIN ITOOPHIYAA ULFA SEEXANAATI”.
Prof. Mararaan dimokiraasii Itoophiyaa ulfa seexanaatti fakkeessu. Hawaasa keessatti dubartoota garaan isaanii guddaa kan ulfa fakkaatu, garuummoo ulfi sun kan hin dhalanne ‘ulfa seexanaa’ jedhamee hubatama. Prof. Mararaan yaadama kana fudhachuudhaan “dimokiraasiin Itoophiyaa ulfa seexanaati” jedhanii ibsu. Maqaan dimokiraasii jiraatullee dimokiraasiin sun lafarratti gadi bu’ee kan hin mullanneefi bu’aa kan hin argamsiifne ta’uusaa ibsuuf yaadama kana fayyadamu. Mootonni Itoophiyaa waggoota shantamaa ol bitan dimokiraasii fiduuf kan hojjetan ta’uu ibsanillee, dimokiraasii hacuucuufi balleessuu malee qabatamaatti hojiirra oolchuuf yommuu hojjetan hin mullatu. Kanaafis “ulfa seexanaa; kan hin dhalanne” ta’ee ibsame. “Qabsaa’aan bilisummaa inni ‘dimokiraasii fiduufan qabsaa’a’ jedhullee gaafa galma Minilik seenu farra dimokiraasii ta’a” jedhu hayyuun kun. Maraammartoofi haala wal xaxaa kana hiikuun akka dadhabame ibsu. “Maraamartoo keessa seennee; maraammartoon sun nu gadhiisuu dide” jedhu.
Yeroo sochii barattootaa ykn sochii ‘lafti qonnaan bulaaf’ jedhamee barattoota Yuunivarsiitiitiin gaafatamaa turerraa kaasee qabsoo mirga walqixxummaaf taasifamutti kan makaman Prof. Mararaan jireenya jiraatan keessatti bu’aa ba’ii keessa darbanii muuxannoo kuufataniiru. Barattoonni abbootii lafaa ta’an “ijoollee mootii” jedhamee yommuu harki irra qabamuufi barattoonni kaan sababa barataa ta’aniif adamfamanii yommuu hidhamanitti gara qabsootti seenan. Ergasii qabsoo walqixummaa fi dimokiraasiif taasifamu keessatti adda durummaadhaan keessatti hirmaachaafi hogganaa har’a ga’an. Kutaa 8ffaa yommuu baratanirraa kaasanii qabsoo kanatti kan makaman Prof Mararaan, “Waggoota 50 ol qabsoo kana keessatti dimokiraasii fiduuf qabsoofnee dimokiraasiin Itoophiyaa ulfa seexanaa ta’ee utuu hin dhalatiin har’a geenye” jedhu.
“EENYUTU GALMA MINILIK JIRA’ KAN JEDHU UTUU HIN TAANE, SIRNA KAMITU JIRA’ KAN JEDHU ILAALAMUU QABA”
Yeroo baay’ee akka himamutti Hayilesillaaseenis Mangistuunis, Lij Iyyaasuunis, Abiyyis dhiigaan Oromummaa akka qabantu himama. Kuni garuu gaaffii siyaasaa deebisuu hin dandeenye. Waggaa torbaa as jechamni “mootummaa Oromoo” jedhu gamaagamanaa ni dhaga’ama. Dhimma kana irratti deebii yommuu kennan Prof. Mararaan “eenyutu galma Minilik yokiin masaraa mootummaa jira’ kan jedhu utuu hin taane, sirna isa kamtu jira’ kan jedhutu ilaalamuu qaba” jedhu. Abbaan fedhe yoo masaraa sana seene sirnuma duraan ture fudhatee yokiin xiqqoo fooyyessee kan deemu waan ta’eef, gaaffiin bara dheeraa deebii dhabee itti fufe. “Rakkoon keenya inni guddaan sirnichi jijjiiramuu diduusaati” jedhu.
Sirni jiru sun abbaa masaraa sana seeneef aangoofi olaantummaa waan kennuuf, qaama seenu sana hawwatee jijjiiramni akka hin dhufne taasisa. Namicha aangoo qabate sanatti sirni sun waan itti miyaa’uuf, aangoofi olaantummaa kana dhabuu mannaa sirnicha itti fufsiisuu barbaada. Namni masaraa sana seenu akka inni itti seenus rakkoo mataasaa kan qabu ta’uu kaasu Prof. Mararaan. Namni masaricha seenu sagalee uummataatiin filamee waan hin galleef, fedhii uummataa utuu hin taane, faayidaa masaraa sana keessaa argatu qofa yaada. Sababa kanaafis haala hin taaneen masaraa keessaa baafamee haala hin taaneenis bakka bu’a. Kun dimokiraasiin Itoophiyaa ulfa seexanaa ta’ee akka itti fufu taasiseera.
Yeroo sochii barattootaa sanatti humnoonni jijjiirama barbaadan dhimmoota gurguddoo irratti wal hubtanii socho’aa turan. Boodarra ofii isaanii walitti deebi’anii wal balleessuuttu fuulleffatan. Tokkummaan yeroo sochii sanaa ture adeemsa keessa diigamaa, faca’aa dhufee hanga har’aatti diigumsumatu babal’ataa jira.
Prof. Mararaan waa’ee dhaloota ammaa waan dubbatan qabu. Dhaloonni ammaa keessumaa waggaa torbaa asitti qoqqoodaminsi jiru, saamichaafi hanni jiru yaaddessaa ta’uu kaasu. Gareen humna guddaadhaan ijaaramee saamicharratti bobba’e kun haala kamiin to’atamuu akka danda’u irratti yaaddoo cimaatu jira. Dargaggoon bara kanaa saamichaafi daldala seeraan alaa irratti bobba’ee jira. Kun egeree biyaafis qabsoo dimokiraasiif taasifamuufis balaa guddaadha. Dhaloonni har’aa kun bittaafi gurgurtaa kana keessaa ba’ee hojiilee saba fayyadan irratti akka fuulleffatu Prof. Mararaan waamicha dhuyeessaniiru.
1. Nageenya fiduuf qabsaa’uu.
Biyyattiin nagaa yoo argatte malee eessayyu ga’uun hin danda’amu. Lola hin barbaachifne keessa seenuudhaan badii hin malle raawwachuudhaan dhumaatiifi mancaatii hamaa keessummeessaa jirra. Biyyaafi sabni manca’aa jira. Nagaan hunda caalaa barbaachisaa waan ta’eef, namni hunduu hamma danda’etti nagaa buusuuf qabsoo dhugaatti deebi’ee akka hojjetu dhaamaniiru.
2. Sirna siyaasaa sirreessuu.
Nagaa buusuufis qabsoo dhugaa geggeessuufis sirni sirrachuu qaba. Rakkoo walxaxaa biyyattiin keessatti kuftee ka’uu dadhabdee gangalattu rakkoo siyaasaati. Siyaasni karaarraa maquun isaa balaa hanga ammaa keessa jiraanne kanaaf ka’umsa ta’eera. Sirni jijjiiramee dimokiraasiin dhalatee sabni abbaa barbaade filachuu yoo hin dandeenye rakkoo kana keessaa ba’uun hin danda’amu. “Sabni abbaa barbaade filatee kan hin barnaanne buusuuf aangoo qabaachuu qaba; hanga kun hin taanetti Itoophiyaan nagaas guddinas hin argattu” jedhu hayyuun siyaasaa kun. Jijjiiramni sirna dimokiraasii ijaaru, jijjiiramni walqixxummaa dhugaa fiduu danda’u akka dhufuuf dhaloonni kun qooda fudhachuu akka qabus dhaaman.
3. Guddina fiduuf hojjechuu.
Itoophiyaan karaa guddina gama hundaa addunyaarraa gara boodaarra jirti. Sababa kanaatiin lammiileen Itoophiyaa kumaatamni biyya isaanii gadhiisanii gammoojjii biyya ormaa keessatti bineensaa nyaatamaa, galaanaan nyaatamaa, mana hidhaa biyya ormaa keessatti dararamaa jiru. “Dargaggeessi bara kanaa eessatti banna, yoom banna’ kan jedhu malee biyya keessatti akkamittan of jijjiiree jireenya fooyya’aa jiraadha’ jedhee yommuu yaadu hin mul’atu” jedhu Prof. Mararaan. Guddina kana biyya ofiifis ofiifis fiduuf dargaggoon ammaa qabsoo dhugaa keessatti hirmaatanii sirna dimokiraasii ijaaruuf akka hojjetan dhaamu.
Siyaasa Itoophiyaa keessatti wal qoqqoodanii wal loluun kan eegale IHAPA fi MEISON gidduutti ture. Wal lolanii lafarraa wal duguuganiiru. Prof. Mararaan waan tokko yaadatu. Gareen magaalaa Finfinneefi bakka adda addaatti goolii diimaa fi adii jedhee wal fixaa ture mootummaa yeroo sanaa Dargiidhaan qabamanii mana hidhaatti yommuu guuraman mana tokko keessa waliin jiraatu, odeeffannoo waliif kennu, waliin nyaatu, waliin dhugu. Gareen hidhamee wal hubatee waliin jiraatu utuu alattis wal hubatee waliin jiraateera ta’ee dhumaatiin hamma sanaa hin uumamu ture. “Ammas sodaa guddaan qaba” jedhu Prof Mararaan. Mooraa qabsoo Oromoo keessatti taateen akka sanaa akka mul’atu ibsu. Dhibeen yeroo sanaa qulqullaa’ee hin ba’iin hafuu isaatiin balaan sun bifa jijjiirratee deddeebi’aa jira.
Namni kamuu qabsoon sabichaa maraammartoo waggaa shantamaa kana keessaa akka ba’uufi akka laga ce’utti hojjechuu akka qabu, nagaa, dimokiraasiifi, walqixxummaa dhugaa fiduuf wal danda’uun, wal hubachuun, wal mari’achuun, wal utubuufi wal dhaggeeffachuun barbaachisaa akka ta’e dhaaman.
Prof. Mararaa Guddinaa haasaa kana kan taasisaniifi ergaa kana kan dabarsan ayyaana Faasikaa sababeeffachuudhaan turtii TV Mo’aa waliin taasisan irrattidha.


































