Salaalee aanaa Yaayyaa Gullalleetti humnoonni mootummaa abbootii seeraa lama to’achuudhaan miidhaa erga irraan ga’anii booda tajaajilli mana murtii addaan cite.
Godina Salaalee Aanaa Yaayyaa Gullalleetti humnoonni mootummaa kan humna fincilaa jedhamuun waamaman abbootiii seeraa lama erga to’atanii booda nama tokko irratti reebicha ulfaataa raawwatameen miidhaan jabaan irra ga’uun ibsameera.Prezidaantiin mana murtii aanaa Yaayyaa Gullallee Obbo Zannabaa Nagaash gochi kun raawwatamuu ibsanii badiin isaanirratti raawwatame “seeraan ala” jedhan. Mootummaan garuu yakka kana raawwachuusaa haaleera.
Amajjii 10 jechuun Dilbata darbe tilmaamaan naannoo sa’atii 8 abbootii murtii aanichaa keessaa tokko kan ta’an Obbo Jiinenus Nagaasaa waardiyyaan mana jireenya isaanii yeroo to’atamutti “maal balleessee to’atame?” jedhanii miseensota humna fincilaa isa to’atan waan gaafataniif qofa “atuu ni to’atamta” jechuun itti dhaadatanii to’atan jedhame.
Yeroo kana abbaan seeraa biraa Qananiisaa Kabbabaw jedhamu Pirezidaantii Mana murtii aanichaatti bilbilanii hidhamuu abbaa seeraa kanaa erga beeksisanii booda, itti dabaluunis, hoogganaa humna fincilaa kan jedhaman Obbo Alii Ismaa’eliif bilbilanii abbaan seeraa Jiinenuus Nagaasaa jedhaman qabamuu beeksisnaan isaanis erga doorsisanii yeroo xiqqoo booda bakka isaan jiranii qabuun mooraa humnoonni fincilaa kun keessa buufatanii jiran kan aanicha jiru galchananii akka hidhan jiraattonni himaniiru.
Mooraa kana keessatti abbaan seeraa dursa to’ataman Jiinenuus Nagaasaa jedhaman haala suukkanneessaan reebamuun guyyuma sana naannoo sa’atii 11 lachuu isaanii akka gadhiisanis ibsameera.
Qaama isaanii irra miidhaan jabaan qaqqabuu kan ibsan hiriyyoonnisaanii yeroo ammaa gara Finfinnee geeffamuun yaalaa fayyaa argachaa jiraachuu himaniiru.
Reebicha irra gaheen mataan, iji, dugdaa fi laphee akkasumas kalee isaarra miidhaan gahuu kan himu abbaa seeraa Jiinenus, buufata fayyaa achi jirutti yaalamee yaala dabalataaf gara Hospitaala Fiicheetti dabarfame.
Miidhamaan kun yaada BBC AfaanOromof kenneen, “Haala nageenyaa rakkisaa ta’e sana keessa teenyee hojii kana kan hojjennu uummata keenya tajajailuuf. Osoo mootummaaf hojjennuu qaamumti mootummaammoo yoo akkanatti nu reebu kun maal jechuudha,” jechuunis gaafata.
Sababa rakkoo nageenyaa aanichi qabuuf jecha durumaa abbootii seeraa lamaan qofa tajaajila dhaddachaa kennaa kan ture manni murtii aanaa Yaayyaa Gullallee, amma erga abbootiin seeraa lamaanuu reebichaa fi dorsisaan aanicha gadhiisanii tajaajilli dhaabbateera.
Akkaataa dambii bulchiinsa manni murtii Waliigalaa Oromiyaa baaseen abbaan seeraa tokko yakka cimaa harkaa fi harkatti yoo qabame malee too’atamuu akka hin dandeenyee fi yoo too’atamuu qabaate ammoo dursa mirgi himatamuu dhabuu irraa ka’ee ta’uu akka qabu tumamee jira.
Gochi amma abbootii seeraa aanichaa lamaan irratti raawwatame garuu mirga abbootii seeraa kan sarbee fi adeemsa seeraa kan hin hordofne akka ta’es himameera.
Miidhaa abbootii seeraarra gahe kana qaamolee dhimmi ilaallatu hundattuu beeksisuu kan himan pirezedaantiin mana murtii Aanaa Yaayyaa Gullallee, “gocha raawwatame kanarratti olaantummaan seeraa mirkanaa’uu qaba” jedhu.
Manni Murtii Waliigala Oromiyaa ibsa fuula miidiyaa hawaasummaa isaarratti baaseen, reebicha abbaa seeraa mana murtii Aanaa Yaayyaa Gullalleerra gahe qorachaa akka jiru beeksiseera.





































