
Jilli Gadaa Karrayyuu kan humnoota mootummaatiin qabamanii hidhaman hanga yoonaa achi buuteen hin beekamne.
Abbootii Gadaa Karrayyuu fi jila isaan waliin torban muraasa dura sirna buttaa qaluu gaggeeffachaa turan hunda humnoonni mootummaa walittti qabanii hidhuu jiraattonni himanii turan.
Hidhaafi dararaan Karrayyuutti geggeeffamaa kan ture ta’ullee, torban lamaa as garuu bifa adda ta’een hidhaan jumlaan raawwatamaa jiraachuun gabaafameera.
Mooraa tokko qofa keessatti yoo xiqqaate namoonni dhibba sadii hidhamanii jiraachuu kan himan maddeen, sababni hidhaa kanaa “Waraana Bilisummaa Oromoo galchuu qabdu” kan jedhu akka ta’es eeraniiru.
Qaamoleen mootummaa hawaasa jila Buttaa qaluurra ture bakka jilaatti itti dhaquudhaan “hidhattoota WBO galchaa” yommuu jedhanitti, Abbootiin Gadaa fi uummanni “nuti humna ittiin isaan galchinu hin qabnu” erga jedhanii booda hidhaan bifa addaatiin raawwatamaa jiraachuu himu.
Jila buttaa qaluurra yeroo jiranitti “Jilarraa akka deebitaniin akka hidhattoota galchitan” jechuudhaan mootummaa dirqisiisaa kan ture yommuu ta’u, uummanniifi Abbootiin Gadaa ammaan duras dhimma kanarratti homaa gochuu akka hin dandeenye himatanii akka turaniifi humni waamicha isaaniitiin galu akka hin jirre mootummaa beeksisanii akka turan himataniiru. Sababa kanaaf mootummaan Abbootii Gadaafi bakka bu’oota hawaasaa jumlaadhaan qabanii hidhaa jiraachuun dhaga’ameera.
Namoonni hedduun hidhaafi dararaa mootummaa kana baqachuudhaan qe’ee gadhiisanii godaanaa akka jiran odeeffanneerra. Jilli Gadaa Karrayyuu kan baayinni isaanii 20 caalu Amajji 6/2025 “walga’iif barbaadamtu” jedhamanii waamamanii erga hidhamanii hanga yoonaatti eessa akka jiran kan hin beekamne ta’uu maatiifi hawaasni naannoo himaniiru.
Ammaan duras waggaa lama dura humnoonni mootummaa Abbootii Gadaa Karrayyuu 14 Jumlaadhaan ajjeesuun ni yaadatama.


































