Godina Boorana Bahaa Aanaa Madda Walaabuu Magaalaa Maddaatti hidhattoota naannoo Somaalee daangaa cee’aniin kallattii 7n ummata irratti lolli banamuu bulchaa Aanaa Madda Walaabuu Obbo Abdulhakiim Aadam dabalatee jiraattoonni himaniiru.
Bulchaan Aanichaa akka jedhanitti, haleellaan kun hidhattoota naannoo Somaalee deeggarsa mootummaa naannichaatiin meeshaa gurguddaa hidhachiifamaniin waraanni Oromoo irratti baname.
Waraanni kun kaleessa Gurraandhala 2 bara 2025 irraa jalqabuun adeemsifamuu kan himan jiraattoonni, “hidhattoonni Somaalee daangaa ce’anii dhufan meeshaalee waraanaa gurguddaa akka dishqaa fayyadamuun ummata haleelaa jiru” jedhan. Sababa kanaafis magaalaa Maddaa keessaa uummanni buqqa’uun himameera.
Hidhattoonni naannoo Somaalee itti qophaa’anii kallattii 7 oliin yeroo tokkotti waraana ummata irratti banuu isaanii kan himan jiraattonni, haleellaa kanaan lubbuun namaa darbaa jiraachuus himu.
Bulchaan aanaa Madda Walaabuu Obbo Abdulhakiim Aadam “uummanni hanga danda’e haleellaa kana ofirraa qolataa jira” jedhanii, “akka mootummaatti garuu hanga oduun kun qophaa’etti uummata ittisuuf tarkaanfiin fudhatame hin jiru” jedhan.
Hidhattoonni Somaalee kan mootummaa Naannoo Somaaleetiin deeggaraman kun yeroo adda addaatti kallattii Godina Baaleefi Booranaan uummata Oromoo irratti haleellaa raawwatanii miidhaa qaqqabsiisaa turaniiru.


































