Perezedaantiin Ertiraa Isaayaas Afawarqii kabaja guyyaa walabummaa Ertiraa waggaa 34ffaa irratti haasaa yommuu taasisan mootummaa Biltsiginnaa fi Oromummaa wal simsiisanii kaasuun ajandaa tibbanaa ta’eera. Mootummaan Biltsiginnaa ilaalcha ‘Oromummaa kan Oromoo bakka hin buune’ qabatee saboota Itoophiyaa keessa jiran Seemiifi Kuushitti qoodee lola uumuu akka barbaadu kan kaasan Perezedaantichi, kanas mootummaan Biltsiginnaa qaama alaa bakka bu’ee kan raawwatu ta’uu akeekan.
Addi Bilisummaa Oromoo haasawa Isaayaas Afawarqii ilaalchisee ibsa baaseen “Eenyummaan “Oromummaa” Akeeka Yaaddoo Nageenyaa fi Dantaa Siyaasaaf Dhimma Itti bahan Miti” jedheera.
Itiyoophiyaan rakkoo baroota dheeraa keessa gangalataa turte keessaa bahuu dadhabdee ammas sababa Bishaan “Nile fi Galaana Diimaa’ himachuudhaan ilaalcha “Oromummaa” kan ummata Oromoos bakka hin buune qabachuudhaan lola kaasaa jiru” jechuudhaan kan ibsan Perezedaantichi, “Xinxala taasisan keessatti, ilaalchi ‘Oromummaa’ Eritrea fi Itiyoophiyaa dabalatee gaanfa Afrikaaf yaaddoo akka tahetti dhiheessuun, ilaalchi ummata Oromoo bal’aa fi eenyummaa Oromummaaf qaban dabaa tahuurra darbee, dogoggora seenaa dhalootaan wal nama gaafachiisu jennee amanna” jedha ABOn ibsa isaa kanaan.
Itti dabaluudhaanis, Duulli maqaa “Oromumaan” hooganoota Eritrea dabalatee leelistoota sirna dulloomaa Minilikiin Oromoo irratti taasifamaa ture haaraa tahuu baatus, jibbiinsa (Phobia) Oromummaa kanneen qaban olola daangaa hin qabne Media fi Social Media irratti daangaa tokko malee oofamaa ture sadarkaa hoggana biyya Eritrean ifatti ol guddifamee dubbatamuun Oromoo fi Oromiyaaf balaa inni dhaqqabsiisuuf deemuuf gaafatamaan Mootummaa Eritrea tahuu hubachiifna” jedheera. Sadarkaa mootummaatti kana labsuunis wallaalummaa ykn daguu irraa utuu hin taane, tumsa ittiin ijaarratanii galii Siyaasaa, waraanaa fi Imaammata lafa kaawwataniif akka fa’e dhaabuchi ibseera.
Ololli sadarkaa Aktiivistootaa irraa hanga mootummaatti guddachuun “Oromummaa” Abaaramaa taasisanii ajandaa siyaasaa ittiin bitachuu kan ummata bal’aa bakka hin buunee fi naannawa gaanfa Afrikaas caalmaattuu rakkoo hamaaf kan saaxilu tahuu Addi Bilisummaa Oromoo akeekeera.
Presedaant Isaayaas gaafa dantaa hooganoota Itiyoophiyaa irraa argatan wal eebbisanii akka Mootummaa Eritreatti hayyoota Amhaaraan wal gargaaranii Perezedaantii paartii Biltsiginnaa fi Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa faarsuu bira darbanii qubeellaa qubatti waliif kaa’an, gaafa dantaa siyaasaa wal biraa dhaban “Oromummaa” cubbamaa taasisuun Biltsiginnaa qawweedhaan ummata Oromoo fi ummattoota Itiyoophiyaa korkodee bulchaa jiru, dhimma Oromoo fi Oromummaa garagalee mil’atee hin beekneef kennuun dogoggora seenaati, Cubbuu guddaa ammas Oromoo irratti yaaduudha” jedha ibsi ABO kun.
Qabsoo eenyummaa Oromoo (Oromummaa) gufachiisuun, seenaa dagachuu fi bu’aa dhabsiisuuf abbaluu qofa osoo hin taane, ajandaa dimokiraasii fi mirga hiree murteeffannaa sabootaa laamshessuuf shira wixiname ta’uus ABOn hubachiiseera.
“Ajandaa Oromoo fi Kuush akka balaatti dhiyeessuun; ofumaa isaaniif balaa ulfaataa fi hammaataa gaanfa Afrikaatti harkisuuf deemu jennee fudhanna” kan jedhu ibsi dhaabichaa kun, “ololli madaala hin kaasne akkasii mirga sabootaa ukkaamsuu fi sirna abbaa irree dirirsuun fedhii mirga abbaa biyyummaa ofii kabajchiifatan fakkatanii kan saboota biroo sarbuutti akka jiran ifatti mul’isa” jedheera.
Isaayaas Afawarqii haasaa isaanii kana keessatti wal dhabdee Itoophiyaa waliin qabaniif daboo waraanaa waammachuuf dhimmoota walitti bu’insa ho’isan qabatanii waraanaaf qophaa’aa jiraachuutu mul’ata.
































