Lubni Balaay Mokonniin kan “maallaqa doolaara miiliyoona ja’aa ol ragaa dogoggoraan baasuuf yaalaniiru” jedhamuun shakkamanii baatiiwwan dura to’atamanii turan har’a hidhaa waggaa shanii fi addabbiin birrii kuma kudhanii itti murtaa’uun gabaafame.
Mannii Murtii Federaalaa ramaddiin Lidataa, dhaddachi dhimma malaammaltummaa qoratu har’a adabbii kana itti murteessuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.
Lubni Balaay Baankii Daldalaa Itoophiyaa damee Gamtaa Afrikaarraa ragaa sobaan doolaara miiliyoona jaha ‘baasuuf wayita yaalan’ qabamanii Ebla darbe to’annoo jala oolan. Luba Balaay alatti namoota galmeesaanii jalatti himataman: hojii investiimentii qonnaarratti kan bobba’ee Iyyaasuu Indaalee, Barakat Mulaatu fi Alamganaa Saam’uel namoota jedhaman irrattis murtoon adabbii darbuun gabaafameera. Namoonni kunneen yakka gowwoomsaa cimaafi maalammaltummaa raawwachuun himanni irratti dhiyaatee ture.
Namoonni himannaan irratti dhiyaate kunneen mana murtiitti dhiyaachuun himannaa irratti dhiyaate waakkatan. Namoonni himannaan irratti dhiyaate biroo lama beellama mana murtiitti osoo hin dhiyaatiin hafan himannisaanii yeroof adda citeera.
Mana lubummaa Bataskaana Ortodoksi Tawaayidoo Itoophiyaatti hojii gaggeessaa ittaanaa kan turan Luba Balaay, moora Gamtaa Afrikaa kan dhaqan ”namootaan gowwoomfamanii” akka ta’eefi dhaquurra kan darbe badiin raawwatan akka hin jirre waakkataa turan. Akkasuma Sanadi sobaa jedhame sirrii ta’uuf dhiisuu hoggantoota baankiirraa mirkaneefachuuf bakka sanatti argamuusaanii dubbataa turan.
Abbaan alangaa “himatamtoonni kunneen himannaa irratti dhiyaate ofirraa hin ittisne” jechuun namoota galmee Luba Balaay jalatti himatamanitti balleessaa mure.
Manni murtiicha Luba Balaay irratti dhimmooota murtii salphiisanii afur dhaggeeffachuun hidhaa cimaa fi maallaqaan adabeera. Iyyaasuu Indaalee fi Barakat Mulaatuu dhimmoota adabii hir’isan afur qabachuun hidhaa cimaa waggaa sadii fi baatii sadii, akkasuma birrii kuma sadii akka kaffalan itti murteesse.


































