Perezedaantiin Amerikaa Donald Trump dhimma fayyadama maallaqaa ilaalchisee BRICS’tti dhaadatanii yaada kennan.
Biyyoonni miseensa BRICS+ Doolaara Ameerikaa dhiisanii maallaqa birootiin daldaluuf yoo murteessan preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp meeshaalee isaanii kan gabaa Ameerikaatti galfaman irratti qaraxa 100% akka dabalan doorsisaniiru.
Tiraamp biyyoonni miseensa BRICS+ doolaara irraa fagaachuuf yaaliin taasisan ”dhumuu qaba” jechuun akeekkachiisan. ”Doolaara maallaqa biraatiin bakka buusuun waan yaadamu miti” jedhan.
Perezedaantichi Biyyoonni miseensa BRICS+ ta’an Ameerikaatti ”amala diinummaa” agarsiisuu isaanii himatan. “Biyyoonni kunneen doolaara Ameerikaa bakka buusuuf maallaqa haaraa yoo maxxansan ykn maallaqa biraa fayyadamuuf yoo murteessan gabaa Ameerikaa keessaa bahuu qabu” jedhan.
Raashiyaan gamasheetiin, yaada Tiraamp irratti deebii kenniteen, “Ameerikaan biyyoota biroo dirqisiisuun doolaara qofa akka fayyadaman gochuuf yaaluun ishee yaada yeroon isaa darbedha” jetteetti.
Gareen BRICS+ yeroo ammaa #Itoophiyaa dabalatee biyyoota miseensa 10 of keessaa qaba. Gareen kun dhiibbaa biyyoota guddatan G-7 jedhaman of irraa ittisuuf kan ijaarame yommuu ta’u, doolaara Amerikaa dhiisanii maallaqa kan biraa fayyadamuuf sochii taasisaa turaniiru.
Miseensonni fi hundeessitoonni BRICS ciccimoon kanneen akka Raashiyaa fi Chaayinaa dhiibbaa doolaarri Ameerikaa gabaa addunyaa irratti geessisu cimsanii qeequ.


































