Godina Matakkal Anaa Dibaaxii ganda Gipoo bakka addaa Saayidoo jedhamutti waraanni mootummaa Itoophiyaa ummata meesha maleeyyii gaafa Ebla 23,2025 jumlaadhaan bakka tokkotti rasaasa itti dhukaasuun ajjeesanii hedduu ammoo manatti ibidda itti qabsiisuudhaan akka fixan jiraattonni bakkicharraa odeeffannoo nuuf kennan ibsaniiru.
Akka maddeen keenya bakkichaa gabaasanitti, hanga ammaatti reeffi namoota 11 argamee kan hin argamiinis baayyeedha.
Ilmaan Oromoo sababa tokko malee waraana mootummaatiin bakka tokkotti rasaasaan ajjeefaman maqaan kan nu dhaqqabe keessaa:
- Gammachuu Fayyisaa
2. Asaffaa Fayyisaa
3. Abdiisaa Fayyisaa (daa’ima ganna 12)
4. Abbaa Boggaalee
5. Margaa Lammii
6. Argataa Galataa fi
7. Gannoo Kushaa kanneen jedhaman yoo tahu, “hedduun ammoo bakka cidhaatii deebi’anii erga mana isaaniitti galanii booda duubaan Ibidda itti qabsiisuun fixaniiru” jedhame. Kanneen rasaasaan rukutaman keessaa namoonni 4 akka malee miidhamanii jiraachuus jiraattonni himaniiru.
Torbee lama dura magaalaa Gaalessaatti qaamonni mootummaa kun mucaa waggaa 12 fi maanguddoo waggaa 80 dabalatee namoota 140 hidhanii reebaa, dararaa fi qabeenya saamaa akka turan eerameera. Namoota hidhaman kanaan “qarshii kaffaltan malee hin baatan” jechuudhaan, namni maallaqa sana kaffalachuu danda’u Birrii 10,000 hanga 100,000tti kaffalanii yoo ba’an, namoonni hedduun maallaqa jedhame kana kaffaluu waan hin dandeenyeef haga har’aa mana hidhaatti dararamaa jiraachuunis himameera.
Uummanni Godinichaa utuu rakkoon kun hin mudatiin dura iyyata adda addaa dhuyeeffatullee, qaama dhaga’u waan dhabeef balaan kun irra ga’eera.


































